Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootiin Ertraa Magaalaalee Tigraay Keessaa Ba’aa Akka Jiran Kanneen Ijaan Argan Dubbatan


FAAYILII - Meeshaa waraanaa barbadaahee karaa qarqara jiru, Guraandhala 25, 2022
FAAYILII - Meeshaa waraanaa barbadaahee karaa qarqara jiru, Guraandhala 25, 2022

Loltoonni Eertiraa Adwaa,Axum fi Shiree dabalatee magaalota hedduu keessaa bahaa kan jiran ta’u, namoonni ijaan argan kan bulchiinsa naannoo Tigraay RSAtti himanii jiru.

Akka namoonni ijaan arginee jedhan kun jedhanitti, loltoonni Ertiraa gadhiisanii ennaa deemaa jiranii dhaadannoo dhageessisaa turan.

Dhaadannoowwan kanaanis, ummata Tigraay irratti diinummaa tokkollee akka hin qabne jiraattotatti himuu isaanii, namoonni ijaan argan akeekanii jiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa kan Ityoophiyaa waraanni Ertraa kun akka bahaa jiru to’ataa ture jechuuu isaanii Mulugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

jedhan.Gama kaaniin, Miseensonni humna addaa bulchiinsa naannoo Amaaraa walitti bu’iinsa Tigraay keessaaaf waliigaltee nagaa erga taasifameen ji’a lama booda naannoo Tigraay keessaa bahuu eegalan jechuun waraanni Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Raayyaan ittisa biyyaa kan Ityoophiyaa akka jedhutti, humnoonni Amaaraa kanneen mootummaa federaalaa Itiyoophiyaa cina dhaabchuun lolaa turan magaalaa Shiree keessaa kan ba’an yoo ta’u iddoon kun, wiirtuu gargaarsa namoomaa ijoo kan taate, ta’uun ibsamee jira.

Haa ta'u malee, hojjetaan gargaarsa namoomaa magaalaa Shiree keessa jiru tokko humnoonni Amaaraa ammallee ''lakkoofsa guddaa'' ta'een achi akka jiran dubbataniiru. Haala lafarra jiru battalumatti mirkaneessuun hin danda'amne.

Kana malees qaamoota dhimmi kun ilaaluu irraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jedha Raooytars.

Miseensonni humna addaa kun amma iyyu Tigraay Lixaa kan to’atan yoo ta’u, aangawoonni Amaaraa iddoon kun kan isaanii ta’uu cimsanii dubbatu. Waliigalteen nagaa tolfamees, dhimma rakkisaa kana "heera mootummaa jalatti" haa furamuu jedhee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG