Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sergee Laavroov Afrikaa Kibbaa Seenan


Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov fi Ministira Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Naaleedi Paandoor, Piritooriyaa, Afrikaa Kibbaa, Amajjii 23, 2023.
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov fi Ministira Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Naaleedi Paandoor, Piritooriyaa, Afrikaa Kibbaa, Amajjii 23, 2023.

Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov gita isaanii Afrikaa Kibbaatiin Wiixata har’a Piritooriyaa keessatti mariif kan simataman yoo ta’u, daawwannaa kun waraana Yukireen keessatti raawwatameen qeeqa kaase.

Ardii Afrikaa keessatti Humna qabeetti kan taate Afrikaan Kibbaa weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte balaaleffachuu didduun, waraana kana irratti gama tokko goranii dhaabchuu mormteetti.

Walitti bu’iinsii uumamee kunis, qoqqobbii bal’aa biyyoonni dhihaa Moskoo irra akka ka’an kan taasisee yoo ta’u, yaaliin taasifamee kunis Raashaan gama dippilomaasiin adda baafamee akka haftu taasisee jira.

Ministirri Dhimma Alaa Afrikaa Kibbaa Naaleedi Paandoor walgahii kana dura ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin mariin kun hariiroo duraanuu gaarii ta'e kan biyyoota lamaan gidduu jiru cimsuuf gargaara jedhan.

Laavroov cinaa taa'uun dhaan Raashiyaa ''michuu gatii guddaa qabdu'' jechuun Paandor ibsan.

Afrikaan Kibbaa dhiheenya kana garee dinagdee guddataa jiru kan Braazil, Raashaa, Hindii ,chaayinaa fi Afrikaa kibbaa of keessaa qabu BRICS, jedhamuuf dura taa’ummaa qabachuuf yaalaa kan jirtu yoo ta’u innis, caasaa bulchiinsa addunyaa olaantummaa Ameerikaa fi Awurooppaan durfamu mormuuf hojjata.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG