Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Angaawota Mana Murtii Waliigalaa Dhiheenya Aangoo Gadhiisan Haasoofsiisan


 Mana Murtii Waliigalaa Itiyoophiyaa (Suuraa faayilii)
Mana Murtii Waliigalaa Itiyoophiyaa (Suuraa faayilii)

Ministirri muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahmad kaleessa pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa aangoo gadhiisaa jiran aaddee Meazaa Ashanaa fi itti aanaan isaanii Obbo Solomon Araddaa waliin wal arganii tajaajila biyyaaf kennaniif galateeffataniiru.

Pireezidaantii mana murtii mummichaa kan Fedeeraalaa fi itti aanaa isaanii aangoo isaaniin tajaajila sabaaf kennaniif Itiyoophiyaan galata galchiti. Hegeeree irraa deemanifis waan gaariin hawwaaf jechuun mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad maxxansa Feesbuukii ofii irratti ibsaniiru.

Akka biyya keenya tajaajilluuf carraa guddaa mootummaa fi ummata Itoophiyaa nu kenneef galateeffachuu barbaanna" jechuun preezdaantiin fi itti aanaa isaanii aangoo gadhiisaa jiran ibsanii jiru.

Walabummaa, gahumsa, bu'a qabeessummaa fi itti gaafatamummaa qaama haqaa mirkaneessuuf, tarkaanfiiwwan seera baasuu fi sirnaa fudhachuun galmeelee ajandaa haaromsaa madaaluun danda'amu galmaan geenyeerra" jechuun lameenuu ibsa baasaniin hubachisanii jiru.

Angawoonni lameen xalayaa mana maree bakka bu’ootaatti ergataniin , aangoo gadhiisuuf gaafatan jedhamuun ni yaadatama.

Bakka isaaniis kanneen muudaman Paarlaamaan Itiyoophiyaa turban dabree mirkaneessuun isaa ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG