Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa Ruutoo Mormiina Jedhu Odiingaan


FAAYIILII - Hogganaa paartii mormituu Keeniyaa Raayilaa Odingaa, Nairobii, Hagayya 29, 2022
FAAYIILII - Hogganaa paartii mormituu Keeniyaa Raayilaa Odingaa, Nairobii, Hagayya 29, 2022

Hogganaan paartii mormituu Keeniyaa Raayilaa Odingaa Wiixata kaleessaa Amajjii 23 deggertoonni isaa mootummaa pirezidaantii Wiliyaam Ruutoo akka morman gaafataniiru.

Kanaafis sababaan kennan, filannoo falmisiisaa Hagayya darbe geggeessame seera qabeessummaa Rutoo mulqee jira kan jedhu ture.

Kan Ruutoo kan ta’e Gamtaan Kwaanzaa kan Keeniyaa, filannoo gaggeeffamee sanan Odingaa irratti injifannoo dhiphoo kan galmeesse yoo ta’u, ba’iin filannoo sanaas, wiirtuu lakkoofsa sagalee kan biyyoolessaa keessatti, jeequmsa uumameen kan walqabate yoo ta’u, injifannoon isaas Mana Murtii Olaanaatiin mirkanaa’ee ture.

Gamtaan Odingaa garuu torban darbe ragaa haaraa shirri hojjatamuu agarsisuu argachuu isaanii ibsuun mootummaan Ruutoonaangoo gadhiisuu qaba jedhan.

Murtiin Mana Murtii Olaanaa injifannoo koo mirkaneesse kan jedhan Ruutoon, Odingaan mormii waamuun bulchiinsa isaa mancaasuuf karoorfate jechuun himatan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG