Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naayjeriyaan Buufata Donii Haaraa Hojiif Banaa Taasiiftee Jirti


Buufata galaanaa haaraa, Leegoos, Naayijeeriyaa, Amajjii 23, 2023.
Buufata galaanaa haaraa, Leegoos, Naayijeeriyaa, Amajjii 23, 2023.

Naayijeeriyaan buufata galaanaa gadi fagoo Chaayinaan ijaarame doolaara biliyoonaan lakkaa’amu Kibxata kaleessaa Amajjii 23 Leegoositti kan bante yoo ta’u, kunis muddama buufata doonii biyyattii salphisuu fi Afrikaaf wiirtuu geejiiba fe’umsa akka ta’uuf gargaara jedhamee eegama Kana malees fe’umsa gara bakka biraatti ergamuus ni qabata.

Prezidaant Muhammadu Buhaariin ijaarsa bu’uuraalee misoomaa imaammata dinagdee mootummaa isaanii keessatti utubaa ijoo taasisanii jiru.kunis paartiin isaanii biyya bulchaa jiru filannoo pirezidaantii baatii dhufu irratti sagalee akka argatu gargaara jedhanii abdatu.

Buufatni doonii haaraan Gala Gadi Fagoo hun, harka 75 dhaabbata Injinariingii Buufata Doonii Chaayinaa fi garee Tolaramiin abbummaan qabatee kan jiru yoo ta’u, hafaa isaa mootummaa naannoo Leegoos fi Abbaa Taayitaa Buufata Doonii Naayijeeriyaa gidduutti qoodama

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG