Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabatonni Yukreen Afrikaa Kibbaa Keessatti Mormiif Hiriiran


Ministira haajaa alaa Raashiyaa gita isaani ka Afrikaa Kibbaa waliin, Amajjii 24, 2023
Ministira haajaa alaa Raashiyaa gita isaani ka Afrikaa Kibbaa waliin, Amajjii 24, 2023

Namoonni Waldaa Yukireen kan Afrikaa Kibbaa irraa dhufan, waajiira Ministirri Hariiroo fi Tumsa addunyaa lafa Naaleedi Paandoor gita isaanii Raashiyaa Sargee Laavroov Kibxata kaleessaa itti simatan keessummeessaa turanitti mormii dhageessisan.

Mormitoonni kun walgahii biyyoota lamaanii Paandoor fi Laavroov Piritooriyaatti gaggeeffamu duratti barreefamoota Putiinii dhaabaa, ijoollee ajjeesuus dhaabaa, akkasumas duula waraanaa jechuun yakka jedhu qabatanii dhaadannoolee dhageessisan.

Mootummaan prezidaant Siiriil Raamaafoosaa Afrikaa Kibbaa waldhabdee Yukireen keessatti gama tokkoo iyyu bira akka hin dhaabanne ibsuun maanguddummaan gidduu seenuu akka fedhan ibsan.

Laavroov fi Paandoor marii dhuunfaa osoo hin jalqabin dura miidiyaalee duratti yaada qophaa’e irratti ibsa kennanii turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG