Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa Gargaarsaaf Iyyataa Jira


World Health Organization chief Tedros Adhanom Ghebreyesus
World Health Organization chief Tedros Adhanom Ghebreyesus

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa biyyoota 54 keessatti namoota miliyoonaan lakkaa’aman, kanneen rakkoo eegumsa fayyaa hatattamaa kan namtolchee fi uumamaa dachaa ta’een isaan mudate gargaaruuf doolaara biiliyoona 2.54 galmee jiru irratti ol aanaa ta’e gaafachaa jira.

Iyyannoo kana labsuu keessatti, daayreektarri olaanaa kan dhaabata fayyaa addunyaa Teediroos Anhanom akka jedhanti, addunyaan rakkoolee kanaan dura hin mudannee kanen deebii kanaan dura hin dhiyaanne gaafatu argaa jirti jedhan.

Jaarmayaaan fayyaa addunyaa, rakkoo fayyaa kan hatattamaa waan adda addaan dhufan lakkoofsaan baay'ee ta’an irratti hojjataa jira kan jedhan Dr Tedroos, Isaan kunis jijjiirama qilleensaa wajjin walqabatee lolaa Paakistaan mudatee, caamaa fi beela cimaa guutuu Sahel fi gaanfa Afrikaairra jireessa keessaa, rakkoo fayyaa waraanni Yukireen keessatti gaggeeffamu kaase, fi weerara dhukkuuboota akka busaa, koleeraa fi dhukkuboota lubbuu namaa galaafatan kan biyyoota kurna hedduu keessaa maqaa dhahaan .

WHO akka gabaasetti akka addunyaatti, gaaffiin gargaarsa namoomaa dhiyaatu, harkii 80 walitti bu’iinsaan kan dhufan, du’a haadholii fi daa’immanii ittifamuu danda’u keessaa naannoo walakkaan isaa bakka caasaan tajaajiila fayyaa dadhaboo, itti ta’anii fi walitti bu’iinsaan miidhamanii fi saaxilamoo ta’an keessatti kan raawwataman ta’u ibsee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG