Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Bereket Simoon Hidhaa Dhaa Gad Dhiisaman


FAAYILII - Angawaa sadarkaa ol aanaa mootummaa Itiyoophiyaa kan turan Obbo Bereket Simoon yeroo ministira kominikeeshinii turan, Hagayya 23, 2012
FAAYILII - Angawaa sadarkaa ol aanaa mootummaa Itiyoophiyaa kan turan Obbo Bereket Simoon yeroo ministira kominikeeshinii turan, Hagayya 23, 2012

Angawaa sadarkaa ol aanaa mootummaa Itiyoophiyaa kan turan obbo Bereket Simoon Xiret korporet waliin yakka wal qabate raawwatan jedhamuu dhaan himatamanii hidhaan waggaa ja’aa fi adabi qarshii kuma 10 itti mutaa’ee akka ture ni yaadatama. Obbo Bereket guyyaa har’aa jechuun akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti AMajjii 17 bara 2015 yeroo murtii isaanii fixanii hidhaa dhaa gad dhiisamuu abukaatoon isaanii dhuunfaa Hiwot Lileyye VOAf ibsaniiru.

Obbo Bereket Xiret Korporet keessatti dura taa’aa boordii ta’anee ennaa tajaajilaa turan yakka raawwataniiru jedhamuu dhaan Amajjii bara 2011 to’annaa jala oolanii dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamaa turuun ni yaadatama.

Baatilee 15f dhimma isaanii hordofaa kan ture mani murtii walii gala naannoo Amaaraa Ebla 30 bara 2012 dhaddacha ooleen hojii haala mijataa hin ta’iniin geggeessuu himannaa jechuun balleessaa qabu jedhee obbo breketiin hidhaa waggaa ja’aa fi qarshii kum 10 akka baasan adabee jira. Dhadachichi obbo Bereket uummata isaanii fi biyya isaanii hoogganuun tajaajila isaan kennan akka balleessaa salphisuutti qabee akka jiru illee ibse ture.

Obbo Bereketi himannaa irratti dhiyaate keessaa gurgurtaa aksiyoonii Dashin Biiraa akka malee ta’uu fi dhaaba Inglizii Duyets Biverts waliin walii galteen maallaqa mancaasuu fi dhaabichi Xiretiif maallaqi galchuun irra ture hin galin hafe kan jedhutu keessatti argama jechuu dhaan Aster Misganaw gabaasteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG