Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezidaantiin Peeruu Aangoo Akka Gad Dhiisan Mormitoonni Hiriira Ba’uu Dhaan Gaafatan


FAAYILII - Mormii Mootummaa Peeruu irratti bahame, Limaa, Peeruu, Amajjii 23,2023
FAAYILII - Mormii Mootummaa Peeruu irratti bahame, Limaa, Peeruu, Amajjii 23,2023

Peeru keessatti mormii torbaniif itti fufee qabbaneesuudhaaf prezidaantiin biyyatii Diinaa Boolu’arte araaraa buusudhaaf waamichaa dhiheesanii jiru.

Guyyaan taayitaa qabadhee kaasee mana maree bakka bu’ootaa giduutti araarra buusuuf waaamicha dhiheesseen ture. Amma immoo akka sadarkaa biyyattii araarri akka bu’u teenyee kutaa hundaafuu akka ajaandaa qopheeffanuun biyya koo gaafadhaa” jechuu dhaan wamiichaa dabarasani jiru.

kaibxata kaleessaa lammileen Peeruu kumaan lakkawaman magaalaa guditti biyyatti Liimaa keessa hiriiruu dhaan, erga mormichii ji’a darbe jalqabee as ajjeechaa mormitootaa 46 irratti raawwatameef prezidaantii biyyatti balaaleffachaa oolaniiru.

Mormitoonii caalaan Mudee 7, prezidaantii biyyatti duraanii irratti tarkaanfii fudhatame mormuu dhaan prezidaantii amma aangoo qabatanii jiran akka aangoo gadi lakkisan gaafachaa jiru.

Prezidaantin peeruu duraanii Peediroo Kaastiloo Paarlamaa biyyatti diiganii biyyatti labsii dhaan bulchuu dhaaf waan yaalii godhaniif qabamanii hidhamuun isaanii ni beekamma.

Itti aantuu prezidaantii kan turaniif amma prezidaantii kan ta’an Diinaa Boli’artee Roobii har’aa dhaabbata mootummoota Amerikaa wajjin waa’ee biyya isaanii irratii marii geggeessuuf akka deeman gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG