Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Yukireeniif Taankilee Hammayyaa Erguuf Qopohaa’uun Gabaasame


Loltoota Yukireen meeshaa waraanaa konkolaatatti fe'aa jiran, Yukireen, Amajjii 23, 2023
Loltoota Yukireen meeshaa waraanaa konkolaatatti fe'aa jiran, Yukireen, Amajjii 23, 2023

Yunaayitid Isteetes lola Yuukreen Raashaa wajiin geggeessaa jirtuu deggeruu dhaaf taankilee waraanaa sadarkaa olaanaa keeyiviif ergu udhaaf akka qophooftee jirtu gabaasamee jira.

Maddii oduu Yunaayitid Isteets akka gabaasetti, bulchiinsii Baayiden Roobii haraa’a murtoo isaa beeksisa.

Murtoon Taankii “M1 Abrams” jedhamuu erguu kan irra gahamee waligaltee dipiloomaasii dhimmaa taankiiwwan garaa yuukreeniitii erguu irratti Jarmanii wajjin taasifameen kan wal qabatee ta’uu isaa isa kan gabaasame gaazexaa Wool Istiriit Jornaal jedhamuu irratti akka ta’e ibsameera.

Angawaan Yunaayitid Isteetis gabaasaa kana keessatii waabeffataman akka jedhanitti, Yunaayitid Isteetis Taankilee ammayyaa 30 gara diree waraanaa Yuukreentii erguuf deemti.

Yunaayitid Isteetis kan murtoo kana irra kan geesse erga biyyii Jarman taankii waraanaa ishee “Liyoo Paard 2” jedahmu yuukreentii erguu dhaaf murteessuun ishee madaawwan oduu Jarman heduu irratti bahee booda akka ta’e ibsameeraa.

Haaluma wal qabateen prezidaantin Yuukreen Volodomiir Zelenikii angawoota mootumaa hedduu hojii irraa kaasuu isaanii ilaalchisee yaada Kibxata keleessaa kennaniin, hariyatamuun angawootaa waan haaraa akka hin taane himanii, dhimmaa waraan biyyatiiti fi yaalii biyyii isaanii gamtaa Awurooppaatti dhihaachuu dhaaf taasiftuun walqabatee fuula durrattis angawoonni hojii irraa akka ari’ataman ibsuun isaanii gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG