Bara dabree qormaata biyyooleessaa kan kutaa 12 barattoota fudhatan kuma 996,520 keessaa kanneen qabxii dhibba keessaa harka 50 ol argatan lakkobsaan kuma 29, 909 ta’u ministiriin barnootaa beeksisee jira.
Ministeera barnootaa kan ta’an piroofeesar Birhaanuu Naggaa har'a waaree booda ba'ii qormaata biyyoolessaa ilaalchisee ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, inni bara dabree haala isa duraan baratamee irra adda akka ture, akkasumas milkaa’inaan kan xumuramee akka ture ibsan.
Walii galaan guutummaa biyyatti keessatti qabxiin gidduu galeessaan argame 100 keessaa harka 29.5 ta’u ikan ibsame yoo ta’u kunis ija barattoota walii galaan qormaata fudhataniin ennaa ilaalamuu harka 3.3 ta’uun ibsamee jira.
Kanneen qabxii harka 50 gadii argatan Yunivarsitii kan hin seenne ta’u fi waggaa dhufu akka seenuu danda’aniif kan irratti hojjatamu ta’uun ibsamee jira.
Forum