Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godiina Geede’oo Keessatti Namoonni Shan Ajjeefaman:Bulchiinsa


Naannoo Geedi'oo
Naannoo Geedi'oo

Bulchiinsa naannoo uummattoota Itiyoophiyaa gama kibbaa, godiina Geede’oo magaala Gadab keessatti mootummaan shanee jedhee kan waamuu fi ofii isaaniin waraana Bilisummaa oromoo jechuun kanneen of waamaniin, miseensa polisii uummataa tokko dabalatee walii galaan namoonni 5 ajjeefamuu itti gaafatamaan waajiira komunikeeshinii kana bulchiinsii godinaa Geedee’oo Obbo Abrahaam Makuriyaa Robii dabree ibsanii jiru.Gareen kun magaalatti gadhisee ba’u hordoofees, sochiin ramaddii iddotti deebi’uu kan Obbo Abrahaam ibsanii jiru.

Gareen kun Roobii galfala sa’atii Ja’aa kaasee magaalatti to’achuun erga haleellaa dhaqqabsisee booda, jeeqamsii olaanaan akka ture jiraataan ijaan arge jedhan RSA f ibsanii jiran.Kaayyoon isaanii ifa ta’u baatuus, namoota seeraan hidhamanii turan gadhisanii, dhaabatoota maallaqaa fi kan mootummaa irratti midhaa dhaqqabsisuu isaanii jiraataan kun ibsanii jiru.

Manni maree bakka buutootaa shoroorkeessaa jechuun kan ramadee fi shanee jedhee waamu, garu kan ofii isaanii WBO jechuun of waamaniif dubbi himaa kan ta’an Odaa Tarbii Yunaaytid Isteetis irraa RSAf dhimmi kana ilaalchisee akka ibsanti, kan nutii tarkaanfii irratti fudhanne, mooraa looltootaa kan humnootiin Fedeeraalaa fi bulchiinsii naannoo itti fayyadaman irratti ture jedhan

Kana giddutti namoonni nagaan miidhamuu maluu garu kana ilaalchisee odeeffannoo hin qabu jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG