Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganaan Islaamiik Isteeti Ajjeefamuu Somaaliyaan Simattee Jirti


Somalia Welcomes Killing of IS Leader
Somalia Welcomes Killing of IS Leader

Humnoonni addaa kan Yunaaytid Isteetis, qondaala gameessa garee Islaamiik Isteetii fi hojjettoota shororkeessummaa biroo 10 baadiyyaa Somaaliyaa gama Kaabaa keessatti ajjeesan.

Hogganaa garee kanaa, Bilaal al-Sudaanii kan humnoota addaa Amerikaan baadiyyaa fagoo kan kutaa Somaaliyaa kaabaa keessatti ajjeefamuu mootummaan Somaaliyaa simate.

Kun waan Baay’ee gaarii fi simatamuu jechuunn gorsaan waa’ee nageenya biyyaalessaa kan Pirezidaantii Somaaliyaa Huseen Sheek Alii Kamisa kaleessaa RSAtti himan.

Angawaan kun magaala Waashingitan keessa kan jiran yoo ta’u, Islaamiik Iseeti akka Al Shabaab somaaliyaaf soda guddaa miti.Garu, hogganaan isaa Al Sudaaniin shoroorkeessaa bala’amaa kan Somaaliyaa fi Afrikaa Bahaa irratti balaa ta’uu danda’u ture jedhan.

Maallaqa garee Islaamiik Isteetiif barbaachiisu kan qindeessu Al Sudaanii fi kanneen biro isa waliin turan lubbuun qabuuf yaaliin ta’e milkaa’uu dhabuun ibsamee jira.

Mootummaan Yunaaytid Isteetis Al sudaanii waliin kan turan shoroorkeessonni kudhan ajjeefamuu ibsee jira. Angawoonnii ministrii ittisaa kan Amerikaa, namoonni nagaaa ykn siviloonni akka hin ajjeefamin ibsanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG