Tokkummaa Mootummootatti Ambaasaaddarri Yunaaytid Isteetis Liindaa Toomaas-Griinfiild daawwannaa guyyoota lamaaf Mozaambik karoorfatan, tola oltoota waliin biqiiltuu dhaabuun akkasumas balfa qarqara galaanaa naannoo sana jiru walitti qabuun eegalan.
Griin fiild yeroo achii ga’an michoomnii biyyoota lameen gidduu hagam barbaachisaa akka ta’e , addumattu, haala qilleensa naannoo fi jijjirama qilleensaa irratti yaaddoo jiru ibsan.
Griinfiild daawwannaa Amajjii. 26-27 gaggeessaniin, qondaaltota Tokkummaa Mootummootaa, abbootii qabeenyaa, barattoota duraanii kan sagantaa wal jijjiirraa Amerikaa keessa turan , barattoota hariiroo addunyaa fi miseensota waldaalee siivikii kanneen jijjiirama qilleensaa walsimsiisuuf hojii irratti bobba’an waliin akka wal argan
.Amajjii 28 fi 29 immo gara Keeniyaatti imaluuf jira.
Forum