Burkina Faasoo keessaa dhiheenya kana looltonni Fransaayii erga ba’ee booda, amma kanneen gara 400 qofatu biyyatti keessatti hafan, mootummaan hidhattoota Islaamummaa kanneen al-Qaayidaa fi Islaamiik Isteet waliin hidhata qaban akka loluuf gargaaraa jiru.
Amma garuu biyyattii keessatti hedduun Raashiyaan akka gargaartu waan barbaadaniif mootummaan loltoonni Faransaay hundi ji'a tokko keessatti akka ba'an ajajeera.
Ji’oota hedduuf namoonni magaalaa galma mootummaa Burkina Faasoo Ouagadougou keessa kan jiru embaasii Faransaayitti cinatti walitti qabamuun loltoonni Faransaay kutaa sana keessa jiraachuu isaanii mormaa turan.
Looltoonni Fransaayii lootee seentoota Islaamummaa ittisuu waan hin dandeenyeef jecha, Raashaan seentee haa waraantu gaaffiin jedhu dabalaa dhufeera.
Xiinxaltoonni waraanaa akka jedhanitti loltoonni Raashaa ykn leenjiin isaan kennan, hidhattoota Islaamummaa irratti dhiibbaa akkamii geessisuu akka danda’u ifa miti.
Forum