Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagantaan Haaraa Baqattoota Ittiin Amerikaa Keessa Qubsiisan Ibsame


FAAYILII - Baqattoota Venzuweelaa gara Ameerikaa godaanan, Hagayya. 31, 2018.
FAAYILII - Baqattoota Venzuweelaa gara Ameerikaa godaanan, Hagayya. 31, 2018.

Tokkummaa Mootummootatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets, Liindaa Toomaas Griinfiild, Sambata darbe Keeniyaa kan daawwatan yoo ta’u, baqattoota gara Ameerikaatti erguun deebisanii dhaabuu ykn qubsisuu kan ilaaleen sagantaa haaraa akka jiru ibsan.

Sagantaan haaraan, weelkaam koorp(Welcome Corp) jedhamu kun, lammiileen Ameerikaa kanneen ta’an, dhunfaan ispoonsara ta’uun, baqattoota Amerikaa keessatti qubsiisuu irratti akka bobba’an carraa kan uumuudha jedhan Griinfiild.

Ityoophiyaa keessatti waraanni dhaabbachuu isaa gargaarsi namoomaa akka seenuu gochuuf barbaachisaa ta’uu ibsan. Itti dabaluudhaanis loltoonni Eertiraa gara daangaa Itoophiyaatti deebi'aniiru haa ta'u malee ammallee Itoophiyaa keessa akka jiran dubbatan.

"Gara daangaatti deebi'uu isaanii fi Itoophiyaa gadhiisanii akka bahan gaafatamuu isaanii ni hubanna, dhukaasa dhaabuu itti fufee akkasumas, gargaarsi namoomaa seenuu akka itti fufu yoo hayyamame sun barbaachisaa natti fakkaata," jedhan Ambaasaaddar Griin fiild.

Sagantaa, tajaaiila addunyaa kan waldaa Kristaanaa (Church World Service) jedhamu irraa Nikool Irungu akka jedhanti, baqattoota biyyoota akka Ityoophiyaa fi Eertiraa irraa dhufan deebisanii qubsiisuuf sagantaan ba’e kun, barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Baqattoota kumaatamaan lakkaa'aman kanneen Itoophiyaa, Eertiraa, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Somaaliyaa fi biyyoota Afrikaa biroo irraa dhufan, amma jalqabbii haaraa kana irraa fayyadamoo ta'uuf carraa argataniif gammachuu guddaatu nutti dhaga'ama jedhan Irunguun.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG