Xurree ittiin seenan

Breaking News

Looltonni Ertraa Guutummaan Tigraay Keessaa Hin Baane: Tokkummaa Mootummootatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets


FAAYILII - Tokkummaa Mootummoota Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets Liindaa Toomaas Griinfiild, Amajjii 16, 2023
FAAYILII - Tokkummaa Mootummoota Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets Liindaa Toomaas Griinfiild, Amajjii 16, 2023

Loltoonni Eertiraa daangaa duubatti kan deebi’an ta’uus, ammallee Itoophiyaa keessa akka jiran Qondaalli olaanaan Yunaaytid Isteetis kan ibsan yoo ta’u, Kunis kan aangawoota Itoophiyaa looltonni Eertiraa dursanii ba’aniiru jedhan sana waliin wal faallessee jira.

Waldhabdee waggoota lamaaf mootummaan Itiyoophiyaa humnoota Adda Bilisummaa uummata Tigraay giddutti gaggeeffameen, loltoonni Eertiraa waraana Itiyoophiyaa fi milishoota michuu ta’an cina goruun lolan.

Ji'a sadaasa keessa garuu mootummaan Itiyoophiyaa fi humnoonni Tigraay walii galtee mallatteessanii diinummaa dhaabsisuun ni yaadatama. Waliigalteen sun humnoonni alaa hundi Tigraay keessaa akka bahan ajaja kenne.

Tokkummaa Mootummoota Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets Liindaa Toomaas-Griinfiild ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Lammiilee Eertiraa ilaalchisee gara daangaatti deebi’uu isaanii ni hubanna, akkasumas akka ba’an gaafatamaniiru, jedhan.

Ministirri odeeffannoo Eertiraa Yemane Gebremeskel gaaffii Rooyitars yaada kennaniif dhiheesseef deebii hin laanne. qondaalli waraanaa olaanaa kan Itiyoophiyaa sambata darbe aangawoorta biyya alaatiif ibsa kennaniin, loltoonni Eertiraa tokko iyyu biyyattii keessa hin jiru jechuun haalan.

Meejar Jeneraal Teshoome Gemechu akka jedhanti, bulchiinsa Naannoo Tigraay keessa Raayyaa Ittisa Biyyaa malee humni nageenyaa biraa hin jiru jedhan.

Dubbi himaan humnoota Tigraay obbo Geetaachoo Raddaa, loltoonni Eertiraa Tigraay keessaa ba'aniiru jechuun kan dhiyaate fudhatama dhabsisuun, ammallee "kumootaan" Tigraay keessa jiru jedhan.

Dubbi himaan mootummaa Itoophiyaa Legesse Tulu, gorsaa nageenya biyyaalessaa kan muummicha ministeeraa Amb. Reedwaan Huseen fi dubbi himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa Koloneel Geetnet Adaane,himannaa Amb. Giriinfiild fi Obbo Geetaachoo Raddaa irratti deebii hin laanne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG