Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Xaaliyaanii Baqattoota Galaana Irraa Kan Ilaaleen Jaarmyoota Dhunfaa Waliin Wal Falmaa Jira


FAAYILII - Baqattoonni Afgaanistaan kaampii baqattootaa Fannoo Diimaa Xaaliyaanii keessatti argamu, Aveezanoo, Xaaliyaani, Hagayya 31, 2021.

Dooniin gargaarsa namoomaa kan baraarsa galaana irraa, Dilbata kaleessaa, buufata doonii Xaaliyaanii Kaabaa, “Marinaa di Karrara” jedhamtu keessa godaantota 95 waliin buufattee jirti.

Kunis, guyyoota afuriif galaan Meditiraaniyaanii giddu galaa qaxxaamurtee erga deemaa turtee booda. Mootummaan mirga leellisuu kan Xaaliyaanii, Jorjiyaa Melooniin durfamu, dhaabbilee kan mootummaa hin ta’iin(NGO) jedhaman waliin godaantota Galaana Meditiraaniyaanii keessaa baraaraman eessaa akka qubatan kan ilaaleen falmii keessa jira.

Dhaabbileen tola ooltummaa kan Awurooppaa buufata doonii ramadaman bakka baraarsaatti dhihoo ta’uu akka qaban gaafachaa turaniiru. Hojii baraarsaa dhiheenya kanaa irra caalaan, buufata doonii gama kaabaa keessatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, kun immo, bakka baraarsaa fi qubsisuu irraa gara kiiloo meetira 1500 fagaata.

Dhaabbileen tola ooltummaa akka jedhanti, buufata doonii fagoo deemuun, naannoo barbaachaa fi baraarsaa Meditiraaniyaanii giddu galeessa keessatti, eegumsa malee dhiisuun dooniiwwan dabalataa caccabuu fi du’a hedduu fida jechuun komatu.

Daandii godaansaa lubbuu namaa galaafatu kana keessatti, doonii qabaachuu dhabuun immo, namoonni ni du’u jechuudha”, jedhan Kaarlaa Melki.itti aantuu daayreektaraa SOS Mediterranee jedhamn, kan hojii baraarsa galaana irraa hojjetu. Akka dhaabbati tola ooltummaa SOS Mediterranee jedhutti, bakka baraarsi itti taasifamee osoo hin gahin namoonni afur du'aniiru.

Dhaabnii baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) akka jedhutti bara haaraan 2023 eega seenee hanga ammaatti namoonni 33 Afrikaa kaabaa irraa karaa Galaana Meditiraaniyaanii gara Awurooppaatti ce’uuf ituu yaalanii du’aniiru.

UNHCR akka gabaasetti bara 2022 keessa tti namoonni 1953 du'aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG