Miseensi Kaabinee Yunaaytid Isteetis kan bara 2015 booda yeroo jalqabaaf Somaaliyaa daawwatan Liindaa Toomaas-Giriinfiild, arjoomtonni addunyaa biyya beelli lubbuu namaa galaafatu mudatee Somaaliyaaf, gargaarsa hatattamaa akka kennan gaafachaa jiru.
Liindaa Toomaas-Giriinfiild haala mudatee kana ''kufaatii dhumaa kan hawaasa addunyaa'' jechuun waamaniiru.
Tokkummaa Mootummootatti ambaasaaddarri Yunaaytid Isteetis kun. tarii akeekkachiisa cimaa hanga ammaatti waa'ee rakkoo kanaa Dilbata kaleessaa dhaga'aniiru.
Caama yeroo dheeraa Somaaliyaa keessatti galmaa'e hin beekne kanaa, duuti garmalee "mirkanaa'aa dha". Hongee bara 2011 biyyattii keessatti sirnaan labsame, kan namoonni nuusa miliyoonaa ta’an itti dhuman sana inni ammaa kun kana caalu dha.
Yeroo kana qondaaltonni gargaarsa namoomaa addunyaan bakka biraa ilaalaa jirti jedhu. Toomaas-Giriinfiild akka jedhanitti Waashingitan biyyoonni naannoo Galoo Galaanaa dhiyoo jiran Somaaliyaaf arjooma dabalataa akka godhan arguu barbaaddi.
Yeroo ammaa kana qondaaltonni gargaarsa namoomaa akka jedhanti, addunyaan bakka biraa ilaalaa jirti jedhu. Amb Toomaas-Giriinfiild akka jedhanitti, biyyoonni naannoo Galoo Galaanaa dhiyoo jiran Somaaliyaaf arjooma dabalataa akka taasisan Waashiingtan arguu barbaaddi.
Forum