Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaa mootummootaatti Ambaadaadderri Ameerikaa Biyyi isaanii al-Shababitti Duuluuf Deggersa Qabdu Ibsan


Tokkummaa motummootaatti ambaaaadderri Yunaayitid Isteetis Liindaa Toomaas Griin Fiild, Naayroobii, Keeniyaa, Amajjii 2, 2023
Tokkummaa motummootaatti ambaaaadderri Yunaayitid Isteetis Liindaa Toomaas Griin Fiild, Naayroobii, Keeniyaa, Amajjii 2, 2023

Tokkummaa motummootaatti ambaaaadderri Yunaayitid Isteetis Liindaa Toomaas Griin Fiild, mootummaan Somaaliyaa duula al-Shabaab irratti geggeessuun foya’iina argamsiiaa jira jedhan. Naayiroobii keessatti tuuta oduu gama dijitaalii ibsa kennaniin ambaasaadder Griin fiild, mootummaan Yunaayitid Isteetis duula al-Shabaab irratti geggeessamu ilaalchisee deggersa inni qabu ibsaniiru.

Deggersa gochuuf cina isaani dhaabbannee hojjetaa jirra jedhan. Mootummaa Somaaliyaa deggeruuf “Ergama Ce'umsa Afrikaa Somaaliyaa” jedhamu waliin hojjetaa jirra, kanaaf yaaliiwwan kun dandeettii al-Shabaab uummata Somaaliyaa, naannoo sana fi addunyaa shorokeessuuf qabu barbadeessa jedhan ambaasaadderittiin. Ambaasaadder Toomaas Griin fiilda arjoomtonni kan beela lubbuu galaafatuun dararamtu Somaaliyaa akka deggeran gaafataniiru.

Dawwannaa isaanii Keeniyaa, Gaanaa fi Moozaambiiktti geggeessan ilaalchisee illee mari’ataniiru. Keessmaa Yunaayitid Isteetis rakkoo wabii nyaataa fi rakkoo nageenya naannoo hanqisuuf miseensota duraanii fi ammaa kan gola naga eegumsaa waliin michummaa qabdu cimistee kan itti fufuu ta’uu ibsaiiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG