Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hindiin Yaadannoo Waggaa 75ffaa Hindiraa Gaandii Yaadattee Oolte


Hindiin waggaa dhaloota Mahaatmaa Gaandii, yaada Gaandiin umurii isaanii guutuu qabsaa’aniif guyyaa Jeequmsa Maleekan sadarkaa addunyaa jechuun kabajji.
Hindiin waggaa dhaloota Mahaatmaa Gaandii, yaada Gaandiin umurii isaanii guutuu qabsaa’aniif guyyaa Jeequmsa Maleekan sadarkaa addunyaa jechuun kabajji.

Prezidaantiin Hindii Droowupaadii Murmuu wixata kaleessaa waggaa 75ffaa hoogganaan sochii bilisummaa biyyattii Hindiraa Gaandii yaadannoo siaanii Niw Delii keessatti argamu irratti uummata kabajaa isaaniif ba’e hooggananii jiran.

Itti aanaa prezidaantii Jagdiip Dhaankaar, muummicha ministeeraa Narndraa Moodii fi ministeera ittisaa Rajnaath Siin illee sirna kana irratti argamaniiru. Uummti hedduun sira kana irratti kan argame yoo ta’u Abbaa biyya hindii kanaaf sirna kadhannaa addaa geggeessannii jiran.

Hindiin waggaa dhaloota Mahaatmaa Gaandii, yaada Gaandiin umurii isaanii guutuu qabsaa’aniif guyyaa Jeequmsa Maleekan sadarkaa addunyaa jechuun kabajji.

Gaandiin bara 1869 bulchiinsa Moodiin itti dhalatan dhiha Gujaraat keessatti kan dhalatan yoo ta'u, walabummaa Hindii keessatti gahee olaanaa qabaataniiru. Hindiin qabsoo hokkora hin qabneen bulchiinsa Ingilizii jalaa bilisa akka baastu erga hooggananii ji'a sadii qofa booda Guraandhala 30, 1948 ajjeefaman

Gaandiin loogii gosaa hawaasa Hindu keessatti hundee gadi fagoo qabu mormuuf leellisaa cimaa turan. Sochiin hokkora malee waggoota kuraaf geggeessan hoggantoota akka hogganaa amantii Tibeet baqate Daalaayi Laamaa fi Nelson Maandeellaa, kan sochii farra Appaartaayidii fi loogii sanyii Afrikaa Kibbaa hoogganan kakaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG