Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Ittisaa Yukireen Jeettiiwwan Waraanaa Akka Ergamani Dhiibbaa Gochuuf Gara Ferensaayitti Qajeelan


Ministirri Ittisaa Yukireen Oleksii Reznikov hoggantoota Faransaay waliin mari’achuuf Kibxata har’aa  Paaris ennaa daawwatanitti Yukireeniif xiyyaarota waraanaa dhiyeessuun ajandaa marii isaanii ta’a jedhamee eegama.
Ministirri Ittisaa Yukireen Oleksii Reznikov hoggantoota Faransaay waliin mari’achuuf Kibxata har’aa  Paaris ennaa daawwatanitti Yukireeniif xiyyaarota waraanaa dhiyeessuun ajandaa marii isaanii ta’a jedhamee eegama.

Qondaaltonni Yukireen weerara Raashiyaa irratti deebii gaarii kennuuf jecha michoonni isaanii warra dhihaa jeettiiwwan kana akka erganiif gaafataniiru, hanga ammaatti garuu waamichi sun of eeggannoo dhaan fudhatameera.

Faransaay xiyyaara waraanaa gara Yukireenitti erguuf yaaddi jedhaa gaazexeessitootaan yeroo gaafataman, prezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Isniina kaleessaa akka jedhanitti, “wanti hambifame hin jiru” jechuun tarkaanfiin akkanaa osoo hin fudhatamiin dura haal-duree dachaa kaa’aniiru. Kanneen keessaa meeshaaleen kun biyyee Raashiyaa akka hin tuqne, waldhabdeen akka hin hammaanne fi “dandeettii waraana Faransaay akka hin laaffisne” kan dabalatu ture.

Ameerikaatti, prezidaant Joo Baayiden Isniina kaleessaa Waayit Haawus yeroo ga’anitti, gabaasaaleen xiyyaarota waraanaa F-16 Yukireeniif ni keennamaa jechuun gaaffii dhiyaateef j “Lakki” jedhee deebiseef.

Yukireen torban darbe Ameerikaa fi Jarmaniin lamaan isaanii iyyuu taankii gara Yukireenitti erguuf waadaa galanii, Jarmaniin torban hedduudhaaf duubatti jettee erga turtee booda, taankii ishee sadarkaa olaanaa qabu Leopard 2 egite.

Ameerikaatti, prezidaant Joo Baayiden wixaa kaleessaa Waayit Haawus yeroo ga’anitti, gabaasaaleen xiyyaarota waraanaa F-16 Yukireeniif ni kennamaa? Gaaffii jedhuuf "Lakki" jechuun deebisan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG