Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abuunichi Kaatolika Rooomaa Poopi Firaansis Biyyoonni Durooman Afriikaa Irraa Harka Isaanii Akka Kaasan Gaafatan


 Poopi Firaansis magaala Kinshaasaatti, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Guraandhala 1, 2023
Poopi Firaansis magaala Kinshaasaatti, Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo, Guraandhala 1, 2023

Lubi kaatolika Roomaa pope Firaansis Kibxata kaleessaa jechuun Amajjii 31 daawwannaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo yeroo jalqaban summii ofittummaa Afrikaa keessatti walitti bu'iinsa oofaa jiru balaaleffachuu dhaan, addunyaan dureeyyiin albuuda lafa jala jiru caalaa namoonni gatii guddaa akka qaban hubachuu qabdu jedhan .

Buufata xiyyaaraa irraa gara magaalaa guddoo Kinshaasaatti konkoolaataa isaanii kan phaaphaasii-tiin yeroo imalan namoonni kuma kudhaniin lakkaa'aman hedduun gammachuu isaanii kan ibsan yoo ta'u, kaan isaan duuba bu’anii kaan ammoo dhaadannoo dhageessisaa fi alaabaa mirmirsaa turan.

Garuu miirri gammachuu, imala biyya alaa isaanii keessatti simannaa ho’aa ta’e keessaa tokko, Phaaphaasiin waggaa 86 kun ennaa isaan masaraa pirezidaantummaatti namoota kabajamoo waliin dubbatanitti dukkanaa’e. sababaa qabeenya albuudaa bal'aan, waraanaa, buqqa'iinsaa fi beelaa Koongoo keessatti bifa farra namoomaa dhala namaaf hin malle geggeessisuu isaa balaaleffataniiru.

"Harka keessan Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo irraa. Harka keessan Afrikaa irraa fuudhaa, Afrikaa ukkaamsuu dhiisaa: albuudaaa fi lafa saamuu dhiisaa jedhan.

Koongoon addunyaa irraa kuufama diyaamandii, warqee, sibiila diimaandii dabalatee albuudaa hedduu qabdi, garuu kanneen kun milishoota, loltoota mootummaa fi weerartoota biyya alaa gidduutti waldhibdee kaasaniiru.

Abunichi biyyoonni durooman dararaa Koongoo fi Afriikaa bakka biroo keessaaf ilaalcha kennuu dhabuu isaanii qeeqaniiru.

Firaansis hanga Jimaataatti Kinshaasaa keessa kan turan yoo ta’u, gama biyya walitti bu’iinsaa fi hiyyummaan raafamte ka biroo Sudaan Kibbaatti qajeeluuf jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG