Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koolu Galtoonni Bidiruu Andaara Gaaana Odola Kanaarii Irra Turan Baraaraman


FAAYILII - Bidiruu godaantota feetee deemtu, Xaaliyaanii, Hagayya 20. 2019
FAAYILII - Bidiruu godaantota feetee deemtu, Xaaliyaanii, Hagayya 20. 2019

Ispeen wixata darbe walumaa galatti godaantota 171 Odoola Kaanaarii irraa bidiruu adda addaa sadii irratti kanneen danqaman baraarteetti.

Waardiyyaaleen qarqara galaanaa Ispeen dubartoota lama dabalatee namoota 55 gara buufata doonii Arguuneeguyin Ispeeniti kan argamu gara Giraan Kaanariyaatti geessanii jiran.

Hundi isaanii fayyaa gaarii akka qaban itti gaafatamaan naannoo kan Fannoo Diimaa Antooniyoo Roodriigeez erga doonii irraa bu’anii booda dubbatan.

Doonii waardiyyaa andaara galaanaa galaanaa Ispeen kan biraan bidiruu lama dhiirota 99, dubartoota 14 fi daa’imman sadii waliin erga argaee booda godaantota biyyoota uffee Sahaaraa gadii 116 gara odola Fuerte-venturatti dabarsiteetti.

Waggaa waggaan namoonni kumaatamaan lakkaawaman kaaba Afrikaa gadhiisanii jireenya fooyya’aa barbaaduuf gara Awurooppaatti imala balaafamaa kana geggeessu.

Walumaagalatti godaantonni 371 hanga walakkeessa baatii Guraandhalaatti bidiruudhaan gara Odoola Kaanaariitti qaxxaamuraniiru, kunis yeroo walfakkaatu bara darbee irraa dhibba irraa harka 48 gadi ta’uu ragaan ministeera biyya keessaa ni mul’isa.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG