Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Baqattoota Sudaan Kuma 900f Deggersa Akka Godhu Beeksise


FAAYILII - Baqattoota Sudaan eddu gala Yida keessatti, Sudaan Kibbaa, Guraandhala 20, 2018
FAAYILII - Baqattoota Sudaan eddu gala Yida keessatti, Sudaan Kibbaa, Guraandhala 20, 2018

Har’a Niiw Yoorkitti gaazexeessitootaaf ibsa kan kennan dubbi himaan Tokkummaa mootummootaa, jarmayaan baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR), michoota sadarkaa addunyaa fi biyyaalessaa 41 waliin ta’uun, baqattoota Sudaan keessa jiran kuma dhibba 900 ol gargaaruuf deggersa maallaqaa kan kennu ta’uu labsee jira.

Akka itti aanaan dubbi himaa Tokkummaa Mootummootaa Farhan Haq jedhanitti, Karoora baqattoota deggeruuf deebii kennuu kanaaf gargaarsa doolaara miiliyoona 500 oliif iyyachaa jira jedhan.

“UNHCR karoorri deebii kennuu kun gargaarsa lubbuu baraaruu irratti kan fuuleffate ta’uu isaa cimsee kan beeksise ta’uu, akkasumas gargaarsa namoomaa fi misooma guddisuu fi furmaata waaraa irratti hojjechuuf kan akeeke ta’uu isaa hubachiisaniiru.

Jaarmiyichi akka jedhetti Sudaan Afrikaa keessaa biyya koolu-galtummaan keessatti heddummaatu ta’uu dhaan sadarkaa lammaffaa irra kan jirtu yoo ta’u, baqattootaa fi koolu galtoota gara miliyoona 1.1 ta’an kan Sudaan, Eertiraa, Itiyoophiyaa, Rippabiliikii Afrikaa waaltaa, Chaad, Siiriyaa, Yaman fi biyyoota biroo irraa dhufan keessummeessiti.”

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG