Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaynamaar Waggaa Lammataa Waraanni Mootummaa Sivilii Itti Fonqolche Yaadattee oolte


Hiriira Imbaasii Maaynamaar Baankook keessa jiru duratti geggeeffame, Guraadhala 1, 2023
Hiriira Imbaasii Maaynamaar Baankook keessa jiru duratti geggeeffame, Guraadhala 1, 2023

Deeggartoonni sochii dimokiraasii deggeran, Mayanamaar waggaa lamaaffaa waraanni mootummaa siiviilii kuffisee kabajuuf Kibxata darbe sochii dinagdee hunda akka biyyaatti keessatti ugguramuu gochuu irratti bobba’aanii jiru.

Hoggantoonni sochii kanaa, daldaltoonni suuqiiwwan isaanii akka cufanii fi jiraattonni mana akka turaniif gaafataniiru, kunis qaama calliinsaan mormii dhageessisuu kan farra mootummaan waraanni biyyattii Guraandhala 1, 2021 Aan –Saan-Suu-Shii fi mootummaa isaanii karaa dimokiraatawaa filatame aangoo irraa kaasuu isaatiin walqabate ti. Suuraaleen miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfaman akka agarsiisanitti, daandiiwwan magaalaa guddoo daldalaa Mayanamaar, Yaangoon, baay’inaan duwwaa ta’uu agarsiisu.

Mootummaann labsii yeroo muddamaa dheeressuu fi dhiisuu isaa ykn karoora filannoo waliigalaa bara kana gaggeessuuf qabuun gara fuulduraatti akka deemu Roobii har’aa ni beeksisa jedhamee eegama, kunis aktivistoonni kanaan dura akka gowwoomsaatti ilaalanii balaaleffataniiru.

YUnaayitid Isteetis, Awustiraaliyaa, Biriteen fi Kaanaadaan komishinii filannoo biyyattii waraanaan fudhatama argatee fi korporeeshiniiwwan waraanaan deeggaraman dabalatee qoqqobbii haaraa mootummaa Miyanmaar irra kaa’uu isaanii jala bultii ayyaana Roobii har’aa jechuun Kibxata darbee labsanii jiran.

Biriteen fi Kaanaadaan, dhaabbilee kanneen mootummicha waraanaaf boba’aa xayyaara haleellaa samii irraan humnoota deggertoora dimokraasii irratti raawwataniif dhiyeessanii fi ripxe loltoota michoota mootummaa kanneen gandeen baadiyyaa Maaynamaar keessaa sosso’an irra qoqqobbii guddaan kaa’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG