Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manneen Barnootaa Sababaa Waraanaan Manca’an Deebisee Kan Ijaaru Ta’uu Ministriin Barnootaa Kan Itiyoophiyaa Beeksise


Miseensa Humna Addaa Affaar ganda Bisober keessatti mana miidhame cinaa qawwee qabatee jiru, Bishobar, naannoo Tigraay, Muddee 9, 2020
Miseensa Humna Addaa Affaar ganda Bisober keessatti mana miidhame cinaa qawwee qabatee jiru, Bishobar, naannoo Tigraay, Muddee 9, 2020

Naannolee Itiyoophiyaa waraannii fi walitti bu’iinsi keessatti uumame keessatti manneen barnootaa 71 ijaaruuf kan jiru ta’uu Ministriin barnootaa beeksisee jira.

Ministrichi gorsitootaa fi kanneen kontraataan hojjatan waliin marii geggeesseen ijaarsi manneen barnoota kanaa baatii shan keessatti xumuramee akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti bara 2016 tajaajilaaf qopha’aa jedhee jechuun beeksisee.

Ministriin barnootaa itti dabaluun akka jedhetti naannoo walitti bu’iinsi uumame keessatti manneen barnootaa ijaaruuf hanga yoonaa qarshii biliyoona 2.8 maddeen adda addaa irraa walitti qabuu isaa ibsee jira. Tigraayiin ala naannolee adda addaa keessaatti manneen barnootaa manca’an kanneen 3300 deebisee ijaaruuf karoorfachuu isaas beeksisee jira.

Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti dhiibbaa wal waraansi dhaqqabsiise ilaalchisee gamaaggama hatattamaa geggeessuuf kan jiru ta’uu ministrrri kun beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG