Itiyoophiyaa Kaabaa keessatti amma iyyuu fedhii gargaarsa namoomaa bal’aan jiraachuu koreen waldaa fannoo diimaa addunyaa beeksisee jira. Yeroo ammaa nagaa buusuuf carraaqqiin jiru abdii kan kenne ta’u, garuu fedhiin gargaarsa namoomaa hedduu ol aanaa ta’uun ibsamee jira.
Kanaaf jecha deebii hatattamaa kennuuf waan dandeenye mara gochuuf yaalaa jirra jechuun dubbi himaan koree fannoo diimaa Aliyoonaa Siyneekoo RSAf ibsaniiru.
Walitti bu’iinsa waggoota lamaaf gaggeeffamee fi uummanni haala cimaa keessa erga darbee booda uummanni amma iyyu gargaarsa barbaada jedhan jechuu dhaan dubbi himaan kun ibsuu isaanii Kenedii Abaatee gabaaseera.
Forum