Xurree ittiin seenan

Breaking News

Al-Shabaabiin Dhabamsiisuuf Duula Bal’aa fi Isa Dhumaa Kan Geggeessan Ta’uu Somaaliyaa fi Hoogganoonni Biyya Hollaa Walii Galan 


FAAYILII - Nagaa eegdonni Yugaandaa Ergama Ce'umsa Afrikaa Somaaliyaa (ATMIS) waliin konkolaataa hidhannoo isaanii cina dhaabbatan, Moqaadishoo, Somaalaatti, Caamsaa 10, 2022.
FAAYILII - Nagaa eegdonni Yugaandaa Ergama Ce'umsa Afrikaa Somaaliyaa (ATMIS) waliin konkolaataa hidhannoo isaanii cina dhaabbatan, Moqaadishoo, Somaalaatti, Caamsaa 10, 2022.

Hoogganoonni biyya hollaa Somaaliyaa gumii Roobii kaleessaa geggeessan irratti garee hidhattootaa irratti haleellaa bal’aan geggeessamaa ennaa jiru kanatti duula Al-Shabab irratti ofamu isa dhumaa geggeessuuf waadaa seenan.

Prezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo, giti isaanii kan Jabuutii Ismaail Oar Guellee fi muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed gumii prezidaantii Somaaliyaa Hassan Sheek Mohamudin qophaa’e irratti argamaniiru.
Hoogganoonni kun wal ga’ii sana booda ibsa baasaniin naannoo to’annaa Al-Shabaab jala ture guutummaa Somaaliyaa keessaa walaboomsuuf dhiibbaa isa xumuraa gochuuf walii galan.

Baati dhiyeenya kanaa keessa, waraanni somaaliyaa fi milishoonni gosoota naannoo deggersa haleellaa samii irraa kan Yunaaytid Isteetis geggeessitee fi humnoota gamtaa Afriikaan naannoo hedduu garee kana harkaa gad dhiisisaniiru.

Garuu Al-Shabaab amma iyyuu naannolee baadiyyaa bakka irraa Somaaliyaa fi biyyootii ollaa irratti haleellaa gaggeessu akkuma qabateetti jira.

Maat Biraayiden garee qorannoo nageenyaa fi imaammataa Gaanfa Afrikaa irratti fuuleffate kan “Sahan Research” jedhamuu hundeessa. Al-Shabab Somaaliyaa keessa maadheffatus, guutummaa naannoo sanaa keessumaa Keeniyaa keessatti haleellaa lubbuu namaa galaafate raawwachuu fi Ityoophiyaa fi Jabuutii keessatti haleellaa raawwachuu isaa Biraayiden dubbataniiru.

Kanaaf, kun dhimma Somaaliyaa fi olloonni ishee, al-Shabab irratti duula farra loote seentummaa geggeessuuf wal ta’iinsa uummatan qofaa miti jedhan. Caasaa kanneen al-Shabaabiin maallaqaan deggeranii, fi gutummaa naannoo sanaa keessaa deggertoota isaa qorachuu, adda baasuu fi hojii isaanii addaan kutuu ti jedhan Biraayiden.

Wal ga’iin kun erga ministeeronni ittisaa fi hoogganoonni naga eegumsaa biyyoota arfanii Moqadishoo keessatti wal ga’uu dhaan gumii sanaaf qophaa’anii booda geggeessame.

Xumura gumii sanaatti aansee hoggantoonni biyyoota afranii mala qindoomina kan waloo diriirsuuf akkasumas hidhattoota Islaamummaa irratti tarsiimoo hojii murteessaa ta’e waliin karoorfachuu irratti waliigaluu isaanii ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG