Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Gama Kaabaa Keessatti Gargaarsa Namoomaa Gama Dhaqqabsisuun Foyya’iinsii Jira: Tokkummaa Mootumootaa 


FAAYILII- Qamadii mana kuusaa Tokkummaa Mootummootaa keessatti Samaraa, naannoo Affaar, Itiyoophiyaa, Caamsaa 1 May 15, 2022.
FAAYILII- Qamadii mana kuusaa Tokkummaa Mootummootaa keessatti Samaraa, naannoo Affaar, Itiyoophiyaa, Caamsaa 1 May 15, 2022.

Mummicha barreessaa tokkummaa mootummootaaf itti aantuu dubbii himtuu kan ta’an Floreenshiyaa Maartineez oduu gabaastootaaf Niiw Yoork keessatti ibsa kennan.

Waahiloota keenya kan gargaarsa namoomaa akka nu ibsantti jedhan, Bulchiinsa naannoo Afaar, Amaaraa fi Tigraay keessatti hojii isaanii babal’isaa jiru, garuu iddoo tokko tokko dhaqqabuun rakkisaa ta’ee jira jedhu jedha.

Walakkeessa baatii Sadaasa keessa walii galteen Diinummaa Dhaabuu erga mallatteeffame as nyaanni toonii kuma 100 fi kuma 27 ol gara Tigiraayitti geeffamee, ummata miliyoona 3.8 ol dhaqqabee jirar jedhan.

Gama biraatiin, bulchiinsa naannoo Amaaraa gama kibbaa fi naannolee ollaa ta’an kan Oromiyaatti lola uumameen, Shawaa Kaabaa, Walioo Kibbaa fi godiina Gojaam Lixaa keessatti buqqaatii uummataa guddaa akka fide miiltoowwan keenya gargaarsa namoomaa ni hubatu jedhan Maartiineez.

Kanaafis jecha, namoota gargaarsa barbaadaniif nyaata, bakka dahannaa fi gargaarsa biroo geessaa jiru jedhan.

Nutii fi michoonni keenya gargaarsa nyaataa, bishaan, fayyaa fi qonnaa, akkasumas gargaarsa birootiin namoota miliyoona 17 bira ga’uuf kaayyoo kan qabnu yoo ta’u , Miiltoowwan keenya gargaarsa namoomaas, weerarri dhukkuuba koleeraa godinaalee Oromiyaa fi kan bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti haga har’aatti namoonni 1,000 ol qabamuun hubatamee jira jedhu.

Namoonni miliyoona tokkotti dhihaatan balaa guddaaf saaxilamuuf akka jirantti ilaalamu. Talaallii farra koleeraa afaaniin fudhatamu kennuuf dullii kan jalqabame yoo ta’u, hanga ammaatti namoota isaan gargaaruuf yaadan 100 keessaa harka 33 dhaqqabameera jedhan.Akkasumas, maallaqni gargaarsa dabalataa murteessaa ta’uu ibsanii, “Waggaa darbe iyyata gargaarsa namoomaa Itoophiyaaf Doolaara biiliyoona 3.3 gaaftamee keessaa walakkaa gadi tu argame,” jedhan.

Gama kaaniin, hanga har’aatti namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman Oromiyaa irraa buqqa’uun gara Naannoo Amaaraatti godaanuu isaanii jaarmayaan gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa OCHAn gabaaa kaleessa baaseen hubachisee jira.

Dubbi himaan Biiroo Bulchiinsa Sodaa Balaa naannoo Amaaraa Eyasuu Mesfin Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka himanitti, torbee darbe Irraa eegalee guyyaa guyyaan namoonni 250 (naannoo Oromiyaa irraa buqqa’an) naannoo Amaaraa seenaa jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG