Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiin Sudaan Kan Diploomaatii Amerikaa Ajjeesee Deebi’ee Akka To’annaa Jala Oluu Amerikaan Gaafatte


West Kordofan
West Kordofan

Lammii Sudaan kana bara 2008 ajjeechaa dippilomaatii Amerikaaf adabi duu’aa itti muramee ture gidduu kana akka gadhiifamuuf murtii kenname, mootummaan Sudaan mala seeraa jiru hunda fayyadamuun murtee torban kana kenname keessa deebi’amee akka ilaalamuuf, Yunaaytid Isteetis kamisa kaleessaa gaafattee jirti.

Abdelraouf Abuzeyid namoota biroo waliin ajjeechaa lammii Ameerikaa Joon Giraanviil fi michuu isaa lammii Sudaan, lamaan isaanii iyyuu dhaabbata Misooma sadaraa addunyaa Amerikaaf hojjataa kan turan yoo ta’u, Kaartuum keessatti namoota hidhataniin ajjeefamaniif yakkamaa ta’uun isaa mirkanaa’e.

Dubbi himaan Ministeera haajaa Alaa Yunaaytid Isteetis Need Praayis ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, Mootummaan Sudaan murtee gidduu kana kennamee duubatti deebisuuf mala seeraa jiru hunda akka fayyadamu akkasumas Abuzeyidn irra deebi’ee akka to’atu gaafanna jedhan.

Angawoonni Kamisa kaleessaa Ameerikaatti ambaasaaddara Sudaan waliin kan wal argan yoo ta’u, Sudaanti ambaasaaddarri Ameerikaa Joon Goodfreey dhimmicha irratti qondaaltota Sudaan kan sadarkaa olaanaa hirmaachisaa akka jiran Praayis himaniiru.

Afrikaa bahaa, Sudaan fi Sudaan Kibbaatti Itti aanaa barreessaa kan ta’an Piitar Loord torbee dhufu gara Kaartuum yeroo imalan dhimm kana irratti tarkaanfii akka fudhatan gaafatu kan jedhan Praayis, nuti harka hin kenninu jedhan.

Obboleessi Abuzeyid Wiixata dabree akka jedhetti, obboleessi isaa mana murtii olaanaa Sudaantiin gadhiifame.Kunis haleellaa Graanvil fi kanneen biroo galaafate sana ilaalchisee, bara 2020 Sudaan fi maatii miidhamtoota gidduutti waliigalteen doolaara miliyoona hedduutti tilmaamamu tolfame irratti hundaa’uun gadhiifame.

Maallaqni maatiin Giraanviil mootummaa Sudaan irraa argatan kun harka caalu mana murtiitiin mirga gadhiifamuu fi maallaqa gatii dhiigaa fudhachuu akka ta’e maddi seeraa Sudaan dhimmichaan walqabatu tokko ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG