Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abuniin Kaatoliika Roomaa Poop Fraansiis Jubaa Seenan


Prezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir imala ergamootaa Phaaphaasiin Masaraa Pirezidaantii keessatti Phaaphaasii Firaansis simachaa jiru, Sudaan Kibbaa Juubaa keessatti, Guraandha 3, 2023
Prezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir imala ergamootaa Phaaphaasiin Masaraa Pirezidaantii keessatti Phaaphaasii Firaansis simachaa jiru, Sudaan Kibbaa Juubaa keessatti, Guraandha 3, 2023

Abuniin kaatolikii Roomaa Poop Firaansis biyya erga hundeeffamtee umrii gabaabaa qabdu Sudaan Kibbaa kan seenan yoo ta’u, imala isaanii kanaan, itti gaafatamaan Waldaa Inglaandii fi miseensa gameessa Waldaa Iskootilaandii waliin ta’uun imala nagaaf Sudaan Kibbaa seenanii jiru.

Abuniin kaatolikii Roomaa Poop Firaansis Jimaata har’a daawwannaa miiraan guutamee kan Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti gaggeessan xumuruun, gara biyya ollaa taate Sudaan Kibbaatti qajeelan.

Sudaan Kibbaa biyya walitti bu’iinsaa fi hiyyummaa rakkachaa jiran keessaa tokko akkuuma taate rakkoon biyyattii keessaa, jala bultii dhufaatii poop Fraansiin kana irratti illee, kutaa giddu galeessa Ikuwaatooriyaa keessatti hokkara horsisee bulaa fi milishaa naannoo gidduutti uumameen namoonni 27 ajjeefamaniiru.

Poop Fraansiis yeroo magaalaa guddoo Sudaan Kibbaa Juubaa keessa turanitti Arkbishoppii biyyatti fi kan waldaa Skootlaand waliin ta’uun, hoggantoonni kiristaanaa sadan adeemsa nagaa waldhabdee waggoota kurnan lamaan darbaniif ture kan caalaan isaa toora gosummaa irratti hundaa’un gaggeeffamee, namoota kuma dhibbaan lakkaa’aman ajjeese xumuruuf deemsa nagaa buusuu jajjabeessu abdii jedhutu jira.

Umriin isaanii 86 kan ta’e Poop Fraansiis, muudama isaanii kana bara 2013 erga gonfatanii as, biyyoota Afrikaa uffee sahaaraa gadii keessatti yeroo sadaffaaf daawwannaa geggeessan .

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG