Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tajaajilli Ibsaa Addaan Cituun Tajaajiila Fayyaa Danqee Jira


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Afrikaa Kibbaa keessatti tajaajiilli eleektrikaa addaan ciccituun hammaataa dhufuun, namoota miidhamoo ta'an balaaf saaxilee, tajaajila balaa tasaa irratti dhiibbaa guddaa uumee jira.

Sababaan isaas mootummaaan biyyatti, dandeetti humna eleektrikaa kan biyyattiin qabdu, akka inni hedduminaan hojii irra hin ollee dirqisiisuu isaan ta’uun ibsamee jira.

Dhaabbanni Annisaa ykn humna ibsaa mootummaa Eskoom jedhamu, yeroo ammaa hojii tajaajiila eleektrikaa addaan kutuu sadarkaa olaanaan hojiirra oolchaa kan jiru yoo ta’u, hanga beeksisni biraa kennamutti guyyaa guyyaan hanga sa’aatii 10tti maatii fi dhaabbileen daldalaa ibsaa malee turu.

Johaanisbarg Kaaba magaalaa Saandtoon keessaa, ogeeyyiin tajaajiila fayyaa kan hatattamaa akka jedhantti, hanqiina ibsaa mudatee kanaan tajaajiila fayyaa qulqullina qabu kennuu danda’uu irratti dhiibbaa akkamii akka qabu ibsu.

Isaan keessaa tokko Niikool Moorisan sabaa himaa biyya Biriteen ti akka himtetti, jeneereetaroota hospitaala hojii dhaabuu isaanii, hojjettoonni hospitaala kan kutaa dhukkubsattoota kunuunsa hatattamaa (ICU) ibsaan waan hin jirreef sa’atii 4faaf harkaan afarsuun akka qilleensa argatan taasisaa jiru .

Ogeeyyiin fayyaa Ambulaansiin dhukkubsattoota gara hospitaalaatti fiduuf, ibsaan daandiwwan irraa waan hin hojjanneef rakkataa akka jiran, ibsamee jira.Kanneen ofiin sirritti afuura fudhachuuf rakkoo qabanis tajaajiila Oksiijinii dhabuun ibsameera.

Afrikaan Kibbaa maddeen anniisaa haaromfamuu danda’an kanneen akka qilleensaa fi aduu hatattamaa bituu dhaan dandeettii humna ibsaa dabalataa qabaachuuf yaalaa jirti. Garuu kun yeroo gabaabaa keessatti hojii irra ooluun isaa waan fakkaatu miti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG