Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Maree Amantilee kan Ityoophiyaa Haala Waldaa Amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaa Jiru Ilaalchisee Yaaddoo Guddaa akka Qabu Ibse


Manni marii kun haala waldaa Kiristaanaa irratti ibsa gaazexeessitootaaf kennee jira. Gumii Dhaabbatoota amantiiee Itiyoophiyaaf miseensa kanneen tahan hoogganoonni waldaalee amantii jahaa ibsa har’a baasaniin haalli tibbana waldaa Kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaa keessatti uumamee fi sana hordofuudhaan rakkoon hammaataa deemes guddoo nu yaaddessee jira, jedhanii jiran.

Kanaaf jecha, abbootiin amantaa ka Waldichaa rakkoo uumame karaa nagaa mariidhaan furuu irratti akka xiyyeeffatan gaafatanii jiran. Mootumaanis akka heera biyyattii keeyyata 11tti dhimma amantaa keessa akka harka hin galfanne gaafatanii jiran.

Gama kaanin kiristaanonni amantii Ortodoksii kutaalee biyyattii adda addaa keessa jiran ammoo, "phaaphaasota addaan ba'an “ fi "mootummaan dhimma waldaa Kiristaanaa keessa seenuu" mormuuf, sooma guyyoota sadii Nanawwee irratti akka amantoonni uffata gurraacha uffatan labsee jira.

Abbootiin amantaa dhiheenya naannooleef muudama geggeessan akka jedhantti, Qulqulluu Sinoodoosiin waldaa Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa yaada afaan dhalootaan fayyadamuun wangeela amantoota naannoo Oromiyaatti dabarsuu isa jedhuuf gurra hin lannee ykn hin dhaggeeffatu jechuun himatu.

Gama kaaniin, Lammiileen Itiyoophiyaa Waashingtan fi naannoo keessa jiraatanis, Waayit Haawus fuulduratti hiriira bahuu dhaan haala waldaa Kiristaanaa Ortoodooksii keessaaf yaaddoo qaban ibsuun mootummaan Itiyoophiyaa hojii kana keessa akka hin seenne waamicha dhiyeessuun isaanii gabaafamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG