Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripaablikii Dimokiraatawa Koongoo Keessatti Miseensi Naga-eegumsaa Jaarmayaa Addunyaa Tokko Ajjeefame 


FAAYILII - Miseensota ergama Tokkummaa Mootummootaa, Ripaablikii Dimokiraatawa Koongoo, Bitootessa 13, 2020
FAAYILII - Miseensota ergama Tokkummaa Mootummootaa, Ripaablikii Dimokiraatawa Koongoo, Bitootessa 13, 2020

Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo bahaa keessatti Dilbata kaleessaa haleellaa Helikooptara Tokkummaan Mootummootaa itti fayyadamaa ture tokko irratti raawwatameen, miseensoota naga eegdoota Afrikaa Kibbaa irraa ta’e tokko ajjeefamee kan biraa madaa’uu dhaabatichi beeksisee jira.

Heeliikooptarri kun waaree booda gara naannoo sa’aatii sagalitti gara magaalaa guddoo bulchiinsa Noord-Kivuu Gomaatti balali’aa ituu jiruu, dhukaasa jala akka seente dubbi himaan garee Kongoo keessa jiru kanaa Amaduu Baa dhaabta oduu Ajaan Fraans Prees (AFP)ti himan.

Xiyyaaricha keessa kan ture namni tokko rukutamee lubbuun isaa kan darbee yoo ta’u, kan biraa miidhaan irra ga'us Heeliikoptarri kun balali'uu itti fufuu dandeessee Buufata Xiyyaaraa Gomaatti nagaan qubttee jirti.

Meeshaan waraanaa helikooptara kana rukute, eenyu haleellaa kanaaf itti gaafatamaa akka ta’e hanga ammaatti hin beekamne. Bakki irraa dhukaasamees ammallee sirritti adda hin baafamne jechuun dubbi himaan kun dabaluun hubachiisan.Waraanni Afrikaa Kibbaas naalli kun mudachuu isaa ibsa baaseen mirkaneessee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG