Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maaliin Angawaan Tokkummaa Mootummootaa Tokko Akka Biyya Ishee Keessaa Ba’an Ajajje


FAAYILII - Konkolaataa Tokkummaa Motummootaa, Bamaakoo, Maalii, Adoolessa 29, 2018
FAAYILII - Konkolaataa Tokkummaa Motummootaa, Bamaakoo, Maalii, Adoolessa 29, 2018

Mootummaan ce’uumsaa kan Maalii, angawaa imala nagaa eegsisuu kan Tokkummaa Mootummootaaf biyya ishee keessaa jiran sa’atii 48 keessatti akka ba’an ajajjee jirti.

Namni kun Itti gaafatamaan kutaa mirga namoomaa kan ergama nagaa eegsisuu Tokkummaa Mootummootaa yoo ta’an, Maaliin akka jettutti, nama mootummaan hin simannee ykn hin fudhannee dha.

Ibsa baaseen, murtoon Guillaume Andali ari’uu kun, gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa Amajjii 27 dabre kana Maalii irratti ibsa kennuuf, hawaasa siivikii filamuu keessatti loojiin jira kan jedhame sana irratti ragaa ta’u isaa waliin kan walqabatu ta’uu ibseera.

Ergamni Tokkummaa Mootummootaa kan Maalii keessaa, gaaffii yaada dhiyaate kanaaf battalumatti deebii hin laanne. Andaaliin yaada akka kennuuf barbaadamuus argamuu hin dandeenye.

Dhiittaa mirga namoomaa fi dararaa humnoonni waraanaa Maalii michoota isaanii kan ta’an waraanaa dhuunfaa Raashiyaa Wagner jedhamu waliin ta’uun Maalii keessatti raawwataman jedhamaniin Aangawoonni Maalii dhiibbaa jala galaniiru.

Amajjii 31 hayyonni Tokkummaaa Mootummootaa, yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti humnoota kana lamaaniin raawwatamuu maluu irratti, qorannoon walabaa akka gaggeeffamu gaafatee jira.

Mootummaan Maalii fonqolcha waraanaa bara 2021 raawwateen aangoo qabate, Sambata darbe ibsa baaseen, himannaa Tokkummaan Mootummootaa dhiyeesse tokko tokko cinatti dhiisuun, akka seera addunyaa fi biyyooleessaan mirga namoomaa kabajuuf kutannoo aanga’oonni biyyatti qaban cimsee ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG