Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Naayjeeriyaa Hokkara Jabaatu Marsee Jira, Jedha Dhaabni Mirga Namoomaa 


Magaala Leegos, Naayijeeriyaa, Amajjii 30,2023
Magaala Leegos, Naayijeeriyaa, Amajjii 30,2023

Filannoo dhuma baatii kanaa Naayijeeriyaa keessatti gaggeeffamuuf saganteeffame duumessi hookkaraa marsee akka jiru gareen mirga namaaf falmu Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) hubachisee jira.

Hokkarri kunis mirga bu’uuraa namootaa kan filachuuf qaban kan miidhu jedhan, dhaabbata kanaaf Naayjeriyaa keessaattI qorattuu kan ta’an Anietie Ewang.

Kanaaf qondaaltonni Naayijeeriyaa caasaa nageenya amansisaa kan lammiileen Naayijeeriyaa nagaan akka sagalee kennan taasisu akka hojii irra oolchan gaafatan. Magaalaa galma mootummaa kutaa Imo, Owerrin, bakka gareewwan adda ba’uu barbaadan filannoo jeequuf jecha aangawoota filannoo irra deddeebi’anii haleelaa jiru.

Qabsaa’aan mirga namoomaa garee Hiyumaan raaytis waachiif akka himanitti, namoonni qaama adeemsa siyaasaa ta’uuf sagalee kennuu barbaadu. Garuu kana gochuuf, waadaa xiqqaa ykn homaa seename lafa hin jirreetti rakkoo nageenyaan wal qabatee, qormaata cimaa keessa galee jira jedhan.

Kanneen sagalee kennuuf jiranis soda guddaa keessa akka jiranis ni hubatama jedhan. Lammiileen Naayijeeriyaa Pirezidaantii haaraa fi namoota siyaasaa biroo filachuuf Guraandhala 25 fullee keenyaa gara wirtulee filannootti deemuuf jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG