Naannoo Ityoophiyaa Itiyoophiyaa godina Jahaa fi aanaalee addaa Shan keessatti adeemsa filanoo bulchiinsaa naannoo haaraa ijaarrachuu irratti gaggeeffameen, buufataalee filannoo caalaa irratti lakkoofsi sagalee filannoo xumuramuun isaa ibsameeraa.
Bu’in yeroo lakkoofsa sagalee filannoo irraa argame akka agarsiisutti, filattootni harki caalaan naannoo Sabaa fi, Sablammootaa Ummata Kibbaa (SNNP) amma jiru keessaa bahanii naannoo haaraa hundeesuu degeruudhaan sagalee kennaniiru.
Dura teessuun boordii filannoo Ityoophiyaa Burtukaan Miidhaksaa oduu gabaastotatti akka himanitt, bu’iin sagalee filannichaa inni duraa guyyoottan shanan dhufan kessatti ifa ta’a. Dubbii himaan boordii filannoo ibsa magaalaa Araba Minc keessatti keenaniin filanichii nagaadhaa raawwachuu isaa ibsuu isaanii Yoonaataan Zebdiyoos gabaaseera.
Forum