Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tajaajilli Baankii Maqaleetti Guutummaan Jalqabe    


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa magaalaa Maqalee fi magaalawwan biroo Tigraay jiran keessatti guutumaatti tajaajila jalqabuu isaa qibxata har’aa beeksisee jira.

Prezidaantiin Baankii daladalaa Itiyoophiyaa obbo Abbee Saanoo fuulaa tiwuutarii isaanii irratii har’a akka ibsanitti, guyyaa har’aa ganamaa dameewwan baankiichaa 31 magaalaa Maqalee fi magaalota naannoo sana jiran keessatti taajaajila guutuu kennuu kan jalqaban ta’uu ibsanii dameewwan 16 immoo waaree boodaa akka hojii jalqaban beekisisaniiru.

Daarektarri dhimmaa quunamitti baankii daladalaa ityoophiyaa Alseefa Aseffa VOAtti akka himanitii, baakkichii qarshii baankii biyyaalessaa irraa gara Tigraayitti ergame dameewan baankiichaatif raabsameera. Baankiin daladalaa Ityoophiyaa dameewwan isaa magaala Maqalee keessa jiran hunda keessatti tajaajilaa guutuu kenuu jalqabuu isaa darektarichii dabalanii ibsuu isaanii Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG