Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seenaa Haasawa Waggaa Kan Haala Biyyaa (Yunaayitid Isteetis) Ittiin Gabaasanii  


Gamoo Yunaaytid Isteets Kapitool halkan odoo Pirezidaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baayiden walgahii Kongireesii irratti haasaa State of the Union irratti haasawa gochuu isaanii dura, Waashingitan, Guraandhala 6, 2023
Gamoo Yunaaytid Isteets Kapitool halkan odoo Pirezidaantiin Yunaaytid Isteets Joo Baayiden walgahii Kongireesii irratti haasaa State of the Union irratti haasawa gochuu isaanii dura, Waashingitan, Guraandhala 6, 2023

Haasaan idilee ka duraa prezidaantii Yunaayitid Isteetis jalqabaa ka ture Joorj Waashingtan Amajjii 8, 1790 yeroo sana magaalaa galma-mootummaa yeroofii ka turte Niwu Yoork keessatti gumii miseensota manneen-maree lameeniif dhageessisan.

‘Oduu warra gonfoo barcuma mootii irraa dhaga’amu baay’ee fakkaate,’ jechuudhaan, Toomaas Jaafersan bara 1801 haasaa amaleeffatame addaan kutan.

Gara jalqaba bara 1905tti wal-mormiileen keessaa kan uumamanii turan taheyyuu Wudiroo Wilsan haasaa kana deebisanii jalqabsiisee, yeroo sana irraa kaasee hanga har’aatti prezidaantiin biyyattii qaamaan Kongiresii duratti dhihaachuun dhageessisa.

Haasaan kun “Haasaa waggaa ka prezidaantiin haala biyyaa ittiin dhageessisu,’ jedhamee yeroo dheeraaf waamamaa ture. Kan haasaan kun amma ittiin waamamu afaan Ingiliziitiin “Isteet oof ze Yuniyeen” (‘Haala Biyyaa’ yokaan ‘Haala Gamtaan Itti Jiru’) jedhamu yeroo duraatiif kan moggafame bara 1926 yeroo Fraankiliin D. Roosivelt haasawa taasisetti ture.

Bara 1973 irraa eegalee ‘Isteet oof ze Yuniyeen’ yokaan gabaasaan haala biyyaa itti gaafatama prezidaantii bara darbee akka tahutti beekame.

Heerii S. Tiruumaan bara 1939 haasaan taasisan kan yeroo duraatiif televiiziyoonaan uummata biyyattiif tamsaasame ture.

Bara 1991 Biil Kilinton yakkamee himannaan taayitaa irraa isa buqqisuu malu yeroo otuu irratti dhiheetee jiruu prezidaantii qaamaan dhihaatee haasawa waggaa haala biyyaa sana taasise ka jalqabaa ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG