Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komiishinerri Ol Aanaan Tokkummaa Mootummootaa Itiyoophiyaa Keessaa Kanneen Qe’ee Ofii Irraa Buqqa’an Daawwatan


Komiishinerii ol Aanaa Dhimma Baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa, Filiippoo Giraandee Finfinneetti ibsa kennan, Guraandhala 8, 2023.
Komiishinerii ol Aanaa Dhimma Baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa, Filiippoo Giraandee Finfinneetti ibsa kennan, Guraandhala 8, 2023.

Komiishinerri ol aanaan dhimma baqattootaa kan Tokkummaa mootummootaa (UNHCR) Filiippoo Giraandee Itiyoophiyaa kessa kan jiran baqattootaa fi namoota qe’ee Irraa buqqa’an daawwatanii jiran. Kan Fulbaana 5 Itiyoophiyaa seenan komiishinerichi, ergasii prezidaantii Itiyoophiyaa waliin wal arguu dhaan maatiiwwan sababa walitti bu’iinsaan qe’ee ofii irraa buqqa’an waliin wal arguuf jecha gara magaalaa guddoo Tigraayitti imalaniiru.

Komiishinerichi ol aanaan imalli isaan Itiyoophiyaatti geggeessan baqattoota Eertraa kanneen mooraa Alemwaach keessa jiran waliin wal arguu illee of keessaa qaba. Itiyooophiyaa keessa kanneen jiran baqattoonni Eertraa ennaa waraana waggoota lamaan darban irratti fuuleffatamuun haleellaan irratti raawwatamee jira.

Baatii Muddee keessa UNHCR dhaabolii michoota ta’an waliin wal ta’uu dhaan baqattoota Eertraa kanneen 7,000 ta’an dhiya Tigraay irraa gara mooraa Alemwaachitti geessanii jiran.

Angawaan Tokkummaa mootummootaa kun daayreektarri olaanaa Ejensii Dhimma Baqattootaa fi baqaa Deebi’anii kan Itiyoophiyaa obbo Tesfaahun Gobezay waliin ta’uu dhaan Dabaatiin illee daawwatanii jiran.

Mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti walii galteen erga mallatteeffamee booda dhiyeessiin gargaarsaa fooya’insa agarsiisus, akka gabaasi dhaaba tokkummaa mootummootaa kun mul’isutti, fedhii guddaa jiru waliin ennaa ilaalamu amma iyyuu qabeenyi jiru murtaa’aa dha.

Walii galtee nagaa sana booda, dhaabbileen gargaarsa namoomaa naannolee kaaba Itiyoophiyaa walitti bu’iinsaan miidhamaniif gargaarsa dabalataa deessuu akka danda’an komiishinerri ol aanaan kun ibsa twiitera isaanii irratti barreessaniin ibsaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG