Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen baraarsaa Turkii fi Siiriyaa Keessaa Hojii Itti Fufanii Jiru


Hojjettoonni dhaabbata abidda dhaamsuu fi hojjettoonni baraarsaa caccabaa gamoo Adaanaa diigame keessaa namoota lubbuun hafan barbaadaa jiru,Turkii, Guraandhala 8, 2023.
Hojjettoonni dhaabbata abidda dhaamsuu fi hojjettoonni baraarsaa caccabaa gamoo Adaanaa diigame keessaa namoota lubbuun hafan barbaadaa jiru,Turkii, Guraandhala 8, 2023.

Gareen baraarsaa Turkii fi Siiriyaa keessaa namoota sababaa kirikira lafaa wixata darbe mudateen caccabaa biilsaalee jalatti ukkaamaman barbaachuuf jecha roobii har’aa qorra hamaa keessa hojii baraarsaa itti fufanii jiran.

Akka gabaasa har’a ba’eetti namoonni kuma 11 ol du’uun illee gabaasamee jira.

Namoonni bakka baraarsaa sanatti argaman ennaa namoonni lubbuu dhaan caccabaa manneenii jalaa argaman gammachuu isaanii ennaa ibsan mul’atee jira. Barbaachi itti fufee ennaa jiru kanatti lakkoobsi namoota du’anii ol ka’uu mala sodaa jedhu dhaqqabsiisee jira.

Tattaaffii baraarsaa Turkii keessaa irratti namoonni 96 hirmaachuu isaanii ejensiin balaa tasaa biyyattii roobii har’aa ibsee jira. Angawoonni Turkii yoo xiqqaate namoonni 8,574 du’uu isaanii fi kannee 38,000 ta’an ka biroon madaa’uu beeksisaniiru. Siiriyaa keessaa immoo namoonni 2,530 ta’an du’uu lakkoobsi mootummaa Damaaskas fi garee baraarsaa biraa ba’e beeksisee jira.

Kirikirri lafaa kun erga bara 2011 kirkirri lafaa hamaan Jaappaaniin mudachuu dhaan lubbuu namoota 20,000 ta’an galaafatee as balaa lubbuu namaa galaafate isa hamaa ta’uun gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG