Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angawoonni Ugaandaa Waajjiralee Dhimmootii Mirga Namaa Biyyattii Keessaa Ugguran


Poolisiin jeequmsa bittinsu ka Ugaandaa yeroo namoonni dararaan irra gahe barreeffamaa fi suuraa qabatanii jiran, Waajjira Muummee Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Kampala, Ugaandaa Guraandhala 14, 2022.
Poolisiin jeequmsa bittinsu ka Ugaandaa yeroo namoonni dararaan irra gahe barreeffamaa fi suuraa qabatanii jiran, Waajjira Muummee Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Kampala, Ugaandaa Guraandhala 14, 2022.

Angaawwoonni Ugaandaa, biyyootii baha Afriikaa keessa kan jiru aangoo waajjira mirga namaa kan Tokkummaa mootummootaa kan hin haaromisine ta’uu beeksisan. Kunis ennaa dhiittaa mirga namaa ilaalchisuun yaaddoo guddaan jirutti sochii garee kanaa ugguran.

Miinistriin haajaa alaa, magaalaa galma mootummaa Ugaandaatti kan argamu waajjira komishinera mirga namaa kan Tokkummaa Mootummootaaf Guraandhala 3 xalayaa ergeen akka jedhetti, angawoonni biyya keessaa dhimmootii mirga namaa biyya keessa jiru beeksisuu fi eegsisuu akkasumas hordofuuf dandeettii qabu jedhee jira.

Ammaa qabee mootummaan Ugaandaa waajjira haadhoo kan tokkummaa mootummootaa waliin kallattiin kan wal argu ta’uu Associated Pressi xalayaan isa ga’e ibsee jira. Angawoonni Ugaandaas xalayaan sun sirrii ta’uu mirkaneessaniiru.

Abukaatoo mirga namaa Ugaandaa keessaa beekamaan Nikolaas Oppiyoo murtiin sun kan nama gaddisiisu jechuu dhaan fuula twiitea isaanii irratti ibsuu dhaan, kun wal hubannoo dhabuu hiika argachuu danda’u jedhan.

Kampaalaatti kan argamu waajjirri mirga namaa kan Tokkumma Mootummootaa erga bara 2006 qabee hojii irra jira. Waggoota dhiyoo as waajjiraaleen isaa dhiittaa mirga namaa bakka buutota mootummaa Ugaandaan raawwataman jedhaman gareeleen mirga namaa tokko tokkoo ti leellistoonni ennaa morman ifatti baasuuf yaalaa turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG