Kirirkira lafaa cimaa mudateen namoota caccabaa biilsaalee jalatti ukkaamaman barbaachuuf duula itti fufee jiru deggeruuf jecha roobii har’aa gurmuu garee baraarsaa Siiriyaatti makamaniiru.
Hojjettoonni gargaarsaa fi miseensonni baatii diimaa Siiriyaa, Aleeppoo keessaa biilsaalee jijjigan jalatti namoonni lubbuun hafan yoo jiraatan jecha guyyaa sadaffaaf barbaacha itti fufanii jiru.
Kirkira lafaa Guraandhala 6 giddu galeessa Turkii fi Siiriyaa kaaba gama dhiyaa mudateen hanga ammaa namoonni 9,600 ta’an du’aniiru. Naannoo addunyaa irraa kan walitti dhufanii fi jaarmoliin gargaarsaa kan sadarkaa addunyaa meeshaalee adda addaa dhiyeessuun deggersa taasisaniiru.
Walitti bu’iinsa waggoottaniif tureen haalli namoomaa duruu hammaatee jiru keessummaa tattaaffii gargaarsaa Siiriyaa keessaa wal xaxaa taasisee jira jechuun Rooyiters gabaaseera.
Forum