Xurree ittiin seenan

Breaking News

Taask-foorsiin Gamtaa Tika Nagaa fi Naga-eegumsaa Itiyoophiyaa Hiriirri Seeraan Alaa Jedhu Akka Hin Geggeessamne Akeekkachiise


Loogoo Taask-foorsii Gamtaa Tika Nagaa fi Naga-eegumsaa Itiyoophiyaa
Loogoo Taask-foorsii Gamtaa Tika Nagaa fi Naga-eegumsaa Itiyoophiyaa

Qaamolee hiriira seeraan alaa qopheessuu keessatti hirmaatan irratti tarkaanfii seeraa akka fudhatu Taask-foorsiin Gamtaa Tika Nagaa fi Naga-eegumsa Itiyoophiyaa Akeekkachiiseera.

Grumuun kun ibsa kaleessa baaseen, humnoonni biyyattii dhaa ala jiran gareelee shorokeessota biyya keessa jranii fi aktivistoota miidiyaa hawaasaan dahatan waliin ta’uudhaan biyyattii jeequmsa dhuma hin qabne keessa seensisuuf hojjechaa akka jiran uummanni akka hubatu waamicha dhiyeessee jira.

Ibsi kun kan ba’e yeroo amantoonni Orotodoksii kutaalee biyyattii hedduu keessatti mootummaan dhimma amantii jidduu seene jechuun mormii dhiyeessaa jiranitti. Guutuu biyyattii keessatti hiriirri mormii geggeessamuuf qophaa’aa turuu isaa illee oduun dhagaamee jira.

Ibsi kun kan ba’e erga muummichi ministeeraa Abiy Ahimed angawoota mootummaa gameeyyii waliin dhimma yeroo irratti marii gegeessanii booda.

Hoogganaan Itiyoophiyaa kun daawwannaa isaanii Awrooppaatti geggeessan xumuranii kaleessa gara Finfinneetti deebi’an jechuun Kenedii Abaatee Fifinnee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG