Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sinoodoosiin Orotodoksii Itiyoophiyaa Waldaa Orotodoksii Naannoo Tigraay Waliin Hariiroon Akka Haaromsamu Gaafate


Sinoodoosiin qulqulluun waldaa Orotodoksii Itiyoophiyaa hoogganoonni waldaa Kirstaanaa Tigraay walitti dhufeenya waajjira haadhoo Finfinnee waliin ture akka itti fufan gaafatee jira. Sinoodoosii qulqulluun xalayaa hoogganoota mana lubummaa shanan naannoo Tigraayiif barreesseen, yeroo isaanii mijatetti wal ga’ii qopheessuuf qophii ta’uu isaa ibsee jira.

Gabaasi haaraan kun kan dhaga’ame erga hoogganoonni waldaa kirstaanaa Orotodoksii naannoo Tigraay walitti dhufeenyi qulqulluu Sinoodii Finfinnee jiru waliin adda kutuuf murtiin duraan irra ga’ame keessa deebi’ee kan ilaalamu miti jechuun ibsanii guyyaa tokko booda. Abboonni amantii kun Kibxata darbe Maqalee keessatti tuuta oduuf ibsa kennaniin murtii walitti dhufeenya qulqulluu Sinoodii Waldaa Ortodoksii Itiyoophiyaa waliin jiru kana addaan kutuuf waggaa tokko dura murteessan kan hin jijjiirre ta’uu beeksisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG