Xurree ittiin seenan

Breaking News

Eertraan Maatii Lammiwwan Loltummaa Dirqii Fudhachuu Didanii Rakkisaa Jirti, Jedha Dhabbanni Mirga Namoomaa


Map of Eritrea


Humnoonni naga eegumsa Eertraa erga walitti bu’iinsi naannoo Tigraay Sadaasa bara 2020 jalqabee as duula mootummaan Itiyoophiyaa geggeesse akkaan keessatti kan hirmaatan yoo ta’u, dararaa hamaa ka raawwatan ta’uun gabaasameera.

Angawoonni Eertraa kanneen loltummaa diriqii diduun miliqan jedhaman barbaaduu adda baasuuf jecha namoota qabaa jiran. Erga Fulbaana bara 2022 qabee ennaa humnoonni Itiyoophiyaa fi Eertraa naannoo Tigraay keessatti duula geggeessanitti, mootummaan Eertraa yakka dabalataa raawwachuu dhaan miseensota maatii kanneen waraana irratti hirmaachuu irraa of qusatan adabuu dhaan dhiirota fi maanguddoota dabalatee humnaan namoota kakaasuuf bal’inaan hojjetee jira. Adabbiin akkasii nama walitti qabanii hidhuu fi mana ofii irraa ari’uu kan dabalatu ture.

Mootummaan Eertraa loltoota isaa hanqate guutuuf rakkataa kan jiru yoo ta’u, namoota miliqe ykn baqatan jedhe barbaaduuf jecha maanguddootaa fi dubartoota ijoollee xiqqoo qaban illee mana isaanii irraa ari’ee jira jechuudhaan Humaan Raayits Waachitti itti aantuu daayirkitera kan ta’an Latiishaa Baader ibsanii jiru.

Eertraan adabbii Waloo firoottan warra ajajamuu didan irratti raawwattu hatattamaan dhaabdee sirna waraanaa gara laafina hin qabne jijiiruu irratti fuuleffachuu qadi jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG