Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kirkira lafaa Turkii fi Siiriyaa Mudateen Lakkoobsi Namoota Du’anii 17,000 Ga’uun Gabaasame


Gareen baraarsaa kirikira lafaa Turkii fi Siiriyaa Mudateen kanneen caccabaa manneen jalatti ukkaamaman barbaadaa ennaa jira. Guraandhala 9,2023.
Gareen baraarsaa kirikira lafaa Turkii fi Siiriyaa Mudateen kanneen caccabaa manneen jalatti ukkaamaman barbaadaa ennaa jira. Guraandhala 9,2023.

Gareen baraarsaa Turkii fi Siiriyaa namoota kirikira lafaa Wixata darbe mudatee lubbbuu namoota 17,000 ol galaafateen namoota caccabaa biilsaalee jalatti ukkaamaman barbaachuuf yeroo fi hanqinni meeshaalee kan itti hanqatu ta’uu kamisa har’aa beeksisanii jiru.

Ejensiin bulchiinsa balaa biyyattii har’a akka beeksisetti, hojjettoonni kuma 110tti hedhaman tattaaffii baraarsaa kana irratti hirmaachuu isaanii fi konkolaattonni kuma 5 fi dhibba shan kanneen akka tiraakterii, kireenii fi buldoozeroonni, biyyattii kirikira lafaan miidhaan irra ga’e kana gargaaruuf ergamaniiru. Prezidaantiin Turkii Recep Xayyib Erdogaan keellaalee kirikirri lafaa mudate magaalaa Gaziyaanteep fi daangaa Turkii irra jiruu fi Siiriyaatti dhiyoo jiru daawwataniiru.

Namoota kanneen balaa sana irraa hafanii fi firoottan isaanii achi buuteen dhabame gargaarsi isaan mootummaa biraa barbaadan ilaalchisee deebiin hatattamaa kennamu dhabne jechuun mufannaa dhiyeessan prezidaanticha mudatee jira.

Balaa akkanaaf qophaa’uun hin danda’amu kan jedhan Edogaan, lammiiwwan keenya keessaa tokko illee kunuunsa utuu hin argatin hin dhiifnu jedhan. Haala qilleensaa akkaan qorruu fi attamiin kirikirri lafaa sun daandii xayyaarri irra fiigu attamiin deebii kennamu akka danqe illee tuqaniiru.

Gareen baraarsaa amma iyyuu namoota lubbuun oolan argaa jiru, garuu meeshaalee barbaachisuu fi oguma kanneen qaban jiraatan malee utuma namoonni gargaarsaaf iyyatan dhaga’anii iyyuu dhaqqabuu hin dandeenye.

Angawoonni Turkii akka jedhanitti namoonni 14,000 yoo du’an 63,000 ol immoo madaa’aniiru.

Kan deebii kennuun boodatti harkifate jechuun komeen dhiyaate Siiriyaa keessaa illee yoo xiqqaate namonin 3,100 du’uu lakkoobsi mootummaa Damaaskasii fi garee baraarsaa biraa ba’e ni mul’isa. Kirkirri lafaa kun erga bara 2011 Jaappaan keessatti Bara 2011 kirikiirumti lafaa fi Sunaamiin namoota 20,000tti hedamu erga galaafatee booda balaa lubbuu namaa galaafate isa hamaa ta’ee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG