Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sinoodosiin Tigraay Deebii Kennee Jira


Ark bishooppiin Mana Lubummaa konyaa Adigraat Abune Merhakirstos ibsa kennan
Ark bishooppiin Mana Lubummaa konyaa Adigraat Abune Merhakirstos ibsa kennan

Sinodoosi Qulqulluun kan waldaa Kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaa isa waajjira muummee Finfinnee keessaa waliin, walitti dhufeenya akka eegaluuf gaaffii dhiheesse hin fudhannu, jechuun hoggantoonni waldaa amantii Ortodoksii bulchiinsa naannoo Tigraay beeksisanii jiru.

Ark bishooppiin Mana Lubummaa konyaa Adigraat Abune Merhakirstos RSAf akka ibsanti, walitti dhufeenya Qulqulluu Sinodoosii Finfinnee jiru waliin qaban addaan kutuuf murteen dabarsinee hin jijjiiramu jedhan.

Rakkoo waldaa Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa keessatti deemaa jiru ilaalchisee ejjennoo isaanii gaafatamanii, waa’ee kanaa quba hin qabnu jedhan.

Qulqulluun Sinoodosii xalayaa hoggantoota Mana Lubummaa shanan bulchiinsa naannoo Tigiraay keessaaf barreesseen, yeroo isaanitti mijatutti walgahii qopheessuuf qophii ta’uu ibsee jira.

Abbootiin amantaa Tigraay Kibxata darbe ibsa gaazexeessitootaaf Maqalee keessatti kennaniin, waggaa tokko dura Qulqulluu Sinodoosii Ortodoksii Itoophiyaa waliin walitti dhufeenya addaan kutuuf murteessuu ibsan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG