Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaan Kibbaa Labsii Yeroo Balaa Labsitee Jirti


Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa, Keep Taawon, Guraandhala 9, 2023
Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa, Keep Taawon, Guraandhala 9, 2023

Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan hanqina humna eleektrikaa biyya isaanii mudatee, dinagdee fi hawaasummaa irratti balaa fiduu isaan walqabatee “haala yeroo balaa” biyyoolessaa kamiisa kaleessaa labsanii jiru.

Raamaafoosaan Haasaa waggaa waggaan haala biyyaa keessaa ilaalchisee paarlaamaaf dhageesisaniin, 'rakkoo anniisaa ykn eneerjii gadi fageenya qabu keessa jirra, jedhan.

Rakkoon kun tartiibaan guddachaa dhufeen kutaa hawaasaa hunda irratti dhiibbaa uumee jira. Kanaaf dhiibbaa rakkoon kun qonnaan bultoota irratti, daldala xixiqqaa irratti, bu'uuraalee bishaanii keenyaa fi neetworkii geejjibaa keenya irratti qabu hir'isuuf socho'uu qabna Raamaafosaan.

Dhaabbanni humna Eleektrikaa kan mootummaa Eskoom hojii humna ibsaa dabareen dhaamsuu hamaa galmee irratti galmaa’e hojiirra oolchaa jira. Kunis maatii hedduu dukkana keessa galchuun, omishaa danqee, daldala guddina adda addaa qaban hunda miidhee jira.

Addaan Ciccituun tajaajiila humna eleektrikaa kun guddina dinagdee biyya industirii guddaa qabdu kanaa bara kana gara 100 keessaa harka 0.3 qofatti gadi buusa jedhamee eegama.

Haala balaa biyyoolessaa jechuun labsuun mootummaan rakkoo mudateef deebii kennuudhaaf aangoo dabalataa kenna. Kunis hojiI bittaa hatattamaa harkifannaa birokraasii xiqqaa ta’e fi to’annoo xiqqaa ta’een hayyamuu dabalatee.

Seerri kun aanga'oonni fayyaa weerara Koviid-19 saffisaan deebii akka itti kennan kan dandeessisu yoo ta'u, xiinxaltoonni tokko tokko garuu kun mootummaan dhiyeessii humna ibsaa baay'ee dafee akka babal'isu akka gargaaru shakku.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG